Get Mystery Box with random crypto!

Yaadota Xixinnoo!

Logo saluran telegram yaadota — Yaadota Xixinnoo! Y
Logo saluran telegram yaadota — Yaadota Xixinnoo!
Alamat saluran: @yaadota
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 7.04K
Deskripsi dari saluran

Baga Nagaan dhuftan. Kun mana dubbisaati. Barreeffamoota barsiisoo ta'an hedduu nu biraa argattu. Hiriyoota affeeraa!

Ratings & Reviews

1.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

2


Pesan-pesan terbaru

2023-06-14 16:02:15 Biyya tokko keessa jaarsa umriin isaa waggaa 75 tokkotu ture guyyaa tokko dhukkubsatee gara mana yaalaa deeme sa'aatii24 erga oksijinii fudhatee booda manni yaalaa doolaara 500 isa gaafatan jaarsi kun garmalee gaddee boo'e ogeessi yaalaa waan kaffalu waan dhabe waan isatti fakkaateef maaliif boossa? Waan kaffalttu hin qabduu? Jedhee isa gaafate innis deebisee lakki yoo barbaadde caallaa siif kaffaluu nan dandaa ana garuu kan na boochise waggaa 75 guutuu qilleensa tola itti fayyadamaa turetuu sa'aatii 24 keessatti doolaara 500 na gaafachuu keeti osoo waaqayyo qilleensa ani sombakootti fudhadhu hundumaaf na kaffalchiisa ta'ee waggaa 75 guutuu maalan kaffala ture jedhe .

@Yaadota
3.0K views13:02
Buka / Bagaimana
2023-06-13 01:44:46 Waggoottan keessaa yeroon ta'e tokko rakkisaadha. Guyyaa itti haala keessa jirru sana, namni ta'e dhufee akka jijjiiruuf dharraanudha. Yeroon sun Waaqattillee waan garaa keenyaa himachuuf humna yaadaa gaafa itti dhabnuudha.

Dhalanneerra waan ta'eef jiraachuu qabna. Gaafa dhalanne dandeettii yaaduu waliin utuu dhufnee gaariidha. Silaa fuuldura keenya guyyoonni rakkisoon akka jirantu nutti himama. Tarii hagas mara addunyaan haaraa nutti hin taatu.

Gaaf tokko ofii keenya dadhabnee, of jibbinee, of baqachuu yaalleerra ta'a. Garuu namni biroo nu dadhabuu isaatiif nama sanatti mufanna. Namoota waan taaneef, gaafa of dhiifnullee warreen kaan akka nu dhiisan hin barbaannu.

Muddama tokko yeroo dabarru, dhibeen biraa hin dhufu jennee amanna. Garuu tasumaa akkas ta'uu hin danda'u. Guyyaan itti aanus ulfaataa ta'uu mala. Garuu, gaaf tokko akkas hin ta'u. Gaafa sana haalli rakkisaan hin jiraatu. Qilleensi bal'inas ta'e rakkina bubbisu ni dhaabbata. Gaaf tokko wanti hundi xumura godhata!

By Dagaagaa Zarihuun
@Yaadota
2.7K views22:44
Buka / Bagaimana
2023-06-12 22:28:31 Barsiisatu hubannoo barattootaa madaaluuf jedhee gaaffii qabatee daree seene.

Achii gabatee gurraacha irratti boronqqiin sarara dalgee tokko sararee ajaja akkas jedhu dabarse. "Sarara kana osoo hin tuqiin gabaabsaa" jedheen.

Osoo isa barraa'e hintuqi gabaabsuun dandeettii ajaa'ibaati.

Garuu, garuu, warreen guddatanii mul’achuu barbaadaniif isa sararame balleessuun akkasuma filannoo kan itti fakkaatuuf salphaadha.

Gaaffiin Kunimmoo olaantummaa agarsiisuuf warra kan jiru balleessaan ni faallessa. Sababnisaas, sarara jiru balleessuun sararicha hin gabaabsu;nama balleessu santu yaada gabaabaa qabaata. Sanaa ol yaaduus gaafata.

Gaaffii barsiisaan gaafate kana deebisuuf barataa cimaan tokko harka baasee deebii deebisuuf fulduratti bahe. Boronqii fudhatee sarara barsiisan sarare cinaatti sarara dheeraa sarare. Amma sararri dura sararame kan amma sararamee gadi ta'e. Barsiisaan sunis kan barbaadaan kana ture.

Kan biraa gabaabaa taasisuuf dheeraan biraa cinaasaa jiraachuu qaba.

Addunyaa dorgommiin itti baay'atu kanarra garuu haalli jiru faalladha. Namoonni muraasni,sarara nama biraa osoo hin tuqiin kan mataa isaanii sararatu.

Innis sarara dheeraa namoonni biroo sararatan, sarara dheeratee gabaabsu jechuudha. Sarara namni biraa sararate osoo hintuqin gabaabsu. Baayyoliin garuu sarara namni sararate balleessanii gabaabsuuf yaalu. Addunyaan keenya namoota sarara namni biraa sararate darbe balleessanii sararaniin guutamteetti.

Hubataan garuu, sarara dura jiru balleessee gabaabsuurra, kan ofii dheeressee nutti agarsiisa. Bu'aan yaada gabaabaa garuu, sararuu dhiiseet, kan namni biraa sararate balleessee gabaabsa.

Kanaafuu, namni kan sararate osoo hin tuqin kan duraa kan gabaabsu eenyu?

Sarara Mataa keetii sarari malee, kan nama biraa hin balleessin!
@yaadubbisnu
2.3K views19:28
Buka / Bagaimana
2023-06-06 21:15:06 "Maal na fayyadaa?" jedhe Sooqiraaxas

Sooqiraaxas hayyuu karra filoosoofii bara qaxxaamuru saaqedha. Kanaaf filoosooferri tokko akkas jedhe, "Filoosiifii Sooqiraaxas duumessarraa gadi buuse, namni ammayyuu duumeessarra barbaada" jedhee ragaa baheef.

Sooqqiraaxas, jaallattoota filoosoofii biratti kabajamaa fi leellifamaa jiraata.

Gaaftokko, ''Afaan dubbii bare utubaatti asaasa'' akka jedhan, namichi tokkoo muddamaa gara godoo Sooqiraaxasitti ol seenee, ''Sooqiraaxas!, Maa didda Sooqoraaxas!'' jedhee afuuraa citaa waame. Sooqiraaxas, mil'atee calluma jedhe.

Namichoon silumayyuu dubbiin waan harkaa harcaatu itti fakkaateeraa dhaabatee ofitti haasa'utti ka'e. ''Ihiim, nama dhibabboo, maal kun!'' jedhee haasa'uu eegale.

Yeroo kana Sooqiraxas akka namichi kun hin deemne waan bareef, 'Waa natti himuu feetee?'' jedheen. Namichis silayyuu muddameeraa, ''Maal hiriyaakoo tkkotu...'' jedhee utuu inni hin fixin, Sooqiraaxas, ''Natti himuu keetiin dura gaaffii 3'n si gaafadha, naa eyyamtaa?'' jedheen. Namichis, ''Haata'u, haata'u'' jedhe.

Gaaffii 1ffaa jedhe Soqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu dhibbaa dhibba dhugaadhaa?'' jedheen. Namichis, ''Lakki isaa hoo hin beeku'' jedhee deebise.

Gaaffii 2ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf jettu waan gaariidhaa?'' jedhee gaafate. Namichis, muddamee, ''Muu, waan gaarii maalitii....'' jedhee utuu inni hin fixin Sooqiraaxas isa dhaabsise.

Gaaffii 3ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu kun yoon dhaga'e maal na fayyadaa?'' jedhee gaafate. Namichis, ''Isallee... homaayyuu waan si fayyadu hin qabu'' jedheen.

Kana booda, ''Godookoo keessaa naa bahi!'' jedheen Sooqiraaxas. Namichis akkuma fiigaa dhufetti fiigaa sokke.
.
@Yaadota
3.2K views18:15
Buka / Bagaimana
2023-06-01 17:28:42 Gaafataan sun...

Hoomaa gaaffilee isaaf
Deebii adamsuu labee
Bosona yaadaa keessaa
Argaafuu erga dhabee,

Warra qe'ee gamaatii
Akka gaaraa mul'atan
Warra qalbiin tottolee
Akka gaariis dubbatan,

Deebii isaan kajeeluu
Gaafa achi qajeelu,

"An deebii nan qaba,
Garuus deebii hin qabu
Qaba, hin qabu jedhee
Barbaachasaa hin labu
Gaaffii lafa buuseen
Yaadaan hin kirkiru
Gaaffiin erga hin jirree
Haajaan deebii hin jiru!"
Jedhe hayyuun gamaa
Kan hedduun leellise
(Gaafataa, gaaffii isaatti
Waa xiqqoo itti eebbise.)

"Gaaffii fi deebii jettee
Maaliif qoodda, afachu?
Gaaffiitu deebiidha
Bar tokkuma lachuu!"
Jedhe guddaan tokkos
Gaaffii deebiin maree
(Jecha shooshilata,
Jecha garaa bare!)

"Deebiin tokko jira,
Deebiin fala laatu
'Deebiin tokko hin jiru,
Hin turre, hin jiraatu'
Kanatu deebiidha,
Hubee sirriin kana
Abuuruuf abdattee
Maaf joorta, namana?"
Jedha dubbataa biroon,
(Garaa mamu mamsiisa
Joormaa gatii dhabsiisa!)

Egaa gaafataan sun,
Deebii-iyyaafataan sun,

Qalbifatee, quufee
Yaadi isaaf gamsiisee
Warra gurra guddaaf
Gurra ergisuu dhiisee,

Dimimmisa jala
Qe'ee sanaa ba'ee
"Isaanis hin beekan"
Jechaa mana ga'e!

Raga Isayas
3.7K views14:28
Buka / Bagaimana
2023-05-30 14:00:46 Ofitti Amanamummaa!

Nageenya qofaaf ollaakee fi naannookee dhaggeeffadhu itti ba'i. Jireenya hawaasummaakee cimsachuufis isaan fakkaadhu, ittis hirmaadhu. Garuu kayyookee fi mul'atakee dhugoomsuuf eenyuuniyyuu hinfakkaatin, hin akkeessinis! Humnuma si keessa jiru irratti Waaqakee qofa dhaggeeffadhuutti itti fufi. Waaqayyoon hordofaa ofitti amanamummaakees guddifadhu.

By Yeyis Biru
@Yaadota
3.2K views11:00
Buka / Bagaimana
2023-05-28 10:10:36 Yeroo tokko tokko wanti nuti dubbannu iddoo itti dubbannu sana ni madaalaa jennee osoo of gaafanne gaariidha. Dubbiin keenya isa tokkoof summii ittiin jireenya isaa dhabu ta'uu mala..Akkasumas numa mataa keenyaaf illee summii qoricha dhabe ta'ee nu dhabamsiisuu danda'a. Maal na-dhiibdeen dubbachuurra, namaafis ofiifis yaaduun gaaruma!.

By Heyo Lemesa
@Yaadota
3.3K views07:10
Buka / Bagaimana
2023-05-27 07:47:03 Kadir Satatee
~
"Akkuma fiignee balbala dhalootaatin gara addunyaa kanaa dhufne fiignee ulaa awwaalaa ykn du'aan fiignee dacheerraa deebinaatii wanti waan hundumaa caalu dhugaa qabatanii dacheerra jiraatanii darbuudha. Dhalli namaa akka ifa balaqqee tasa balaqqisee darbuudha. Ka'umsi isaan ta'ee ga'umsi isaa ifa ta'ee kan beekuu rabbiin ala homtinuu hin jiru" Hayyuu Kadir Mohaammad Alii ykn Jecha satat jedhuun kan beekkamu Hayyuu Oromoo cimaa bara Dargii Jimma keessatti ifan keessa isa tokko kan ta'e Kadir Satateetu jecha kana dubbate.

Falaasama mataa isaa kan geeggeessaa ture Kadir Satatee Hayyuu cimaa falaasamoota isaa fi walaloowwan isaa ciigoon guuttaman Qilleensa irratti maxxansaa ture. "Ini walaloowwan koo qilleensanin barreessa. Laphee namootaa irrattin maxxansa" jedha. "Nama dhabe jettee barbaacha hin ba'in ofii keef nama ta'i" Kadir Satatee

Maddi:- Kitaaba Kadir Satatee /መንገደኛው ባለ ቅኔ/
@Yaadota
3.4K views04:47
Buka / Bagaimana
2023-05-26 21:19:03 "Onneen baname jaalala arga.

Jaalalli qulqulluun akka gammachuu waliin qooddachuuti. Deebii kennamuu homaa hin eeggatu. Jaalalli afuura nama muudatu. Fedhiin garuu qaama irra. Anummaan immoo mudannaa xiinsammuu ti. Jaalalli garuu Afuura.

Jaalalli naamusa, asaas malee dudubbii miti, Jaalalli nama hin cufu, hin iyyus, jaalalli kolfa miti, seequu qofa malee, akka abaaboo foolii urgaatiin nama boojitituuti. Jaalalli hin miidhu. Humna lolaas miti, jaalli filannoo isatiin keessa namaa kan seenuudha. Ni moo'ata malee hin moo'amu. Akkamitti akka ajajamuu danda'u sirritti beeka. Kana hundaaf harka kennuun isaa immoo iccitii milkaa’u isaati. "

Ooshoo
@Yaadota
2.8K views18:19
Buka / Bagaimana
2023-05-25 16:52:55
Kitaabota addunyaa kana keessaatti barreeffaman baay'ee saanii dubbisuu dandeessa waa baay’ee irraa baruus ta’ee barachuus dandeessa garuu namoota ammuma feete itti dhiyaadhu ammuma feete beeki abadan namoota dubbistee baruu hin dandeessu!

Gaaddidduudha hin qabamu hurriidha ijatti si marma hin baramu hin dubbifamu

Aanaa Firaank
@Yaadota
2.9K views13:52
Buka / Bagaimana