Get Mystery Box with random crypto!

'Onneen baname jaalala arga. Jaalalli qulqulluun akka gammac | Yaadota Xixinnoo!

"Onneen baname jaalala arga.

Jaalalli qulqulluun akka gammachuu waliin qooddachuuti. Deebii kennamuu homaa hin eeggatu. Jaalalli afuura nama muudatu. Fedhiin garuu qaama irra. Anummaan immoo mudannaa xiinsammuu ti. Jaalalli garuu Afuura.

Jaalalli naamusa, asaas malee dudubbii miti, Jaalalli nama hin cufu, hin iyyus, jaalalli kolfa miti, seequu qofa malee, akka abaaboo foolii urgaatiin nama boojitituuti. Jaalalli hin miidhu. Humna lolaas miti, jaalli filannoo isatiin keessa namaa kan seenuudha. Ni moo'ata malee hin moo'amu. Akkamitti akka ajajamuu danda'u sirritti beeka. Kana hundaaf harka kennuun isaa immoo iccitii milkaa’u isaati. "

Ooshoo
@Yaadota