Get Mystery Box with random crypto!

Kadir Satatee ~ 'Akkuma fiignee balbala dhalootaatin gara addu | Yaadota Xixinnoo!

Kadir Satatee
~
"Akkuma fiignee balbala dhalootaatin gara addunyaa kanaa dhufne fiignee ulaa awwaalaa ykn du'aan fiignee dacheerraa deebinaatii wanti waan hundumaa caalu dhugaa qabatanii dacheerra jiraatanii darbuudha. Dhalli namaa akka ifa balaqqee tasa balaqqisee darbuudha. Ka'umsi isaan ta'ee ga'umsi isaa ifa ta'ee kan beekuu rabbiin ala homtinuu hin jiru" Hayyuu Kadir Mohaammad Alii ykn Jecha satat jedhuun kan beekkamu Hayyuu Oromoo cimaa bara Dargii Jimma keessatti ifan keessa isa tokko kan ta'e Kadir Satateetu jecha kana dubbate.

Falaasama mataa isaa kan geeggeessaa ture Kadir Satatee Hayyuu cimaa falaasamoota isaa fi walaloowwan isaa ciigoon guuttaman Qilleensa irratti maxxansaa ture. "Ini walaloowwan koo qilleensanin barreessa. Laphee namootaa irrattin maxxansa" jedha. "Nama dhabe jettee barbaacha hin ba'in ofii keef nama ta'i" Kadir Satatee

Maddi:- Kitaaba Kadir Satatee /መንገደኛው ባለ ቅኔ/
@Yaadota