Get Mystery Box with random crypto!

Yaadota Xixinnoo!

Logo saluran telegram yaadota — Yaadota Xixinnoo! Y
Logo saluran telegram yaadota — Yaadota Xixinnoo!
Alamat saluran: @yaadota
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 7.04K
Deskripsi dari saluran

Baga Nagaan dhuftan. Kun mana dubbisaati. Barreeffamoota barsiisoo ta'an hedduu nu biraa argattu. Hiriyoota affeeraa!

Ratings & Reviews

1.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

2


Pesan-pesan terbaru 2

2023-05-25 13:51:04 Falaasamoota

1.#SOOSHAALIZIMII:- Ati sa'a lama yoo qabaatte takka ollaaf kennuu qabda.
2.#KOMIYUNIZIMII:- Ati sa'a lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan siif kenna.
3.#FAASHIZIMII:- Ati sa'a lama qabda Mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan sitti gurgura.
4.#NAZI:- Mootummaan saawwan kee fudhatee si ajjeesa.
5.#KAAPPITAALIZIMII:- Ati sa'a lama qabdu keessaa tokko gurgurtee mirgoo(jibicha) bittee loon kee baay'isuudhaan gurgurachaa bu'aa jalaa argattuun jiraatta.
6.#KAAPITAALIZIMII_AMMAYYAA:- Sa'a lamaan keessaa tokko gurgurtee mirgoo bittee loon kee horsiifatta. Qarshii argattuun saawwan ollaa keetii irraa bitta. Ollaan kee hojjataa gootee mindeessita. Ollaawwan kee kun akkuma hiyyoomanitti du'u.
7.#HAWAASA_AMEERIKAA :- Sa'a lamaan kee keessaa takka gurgurtee sa'a aannan oomisha olaanaa qabdu bitta. Saani kun humnaa ol aannan kennuu irraa kan ka'e sijalaa du'a. Duuti kun akka siif qoratamu gorsaa seeraa mindeessita.
8.#HAWAASA_FARANSAAY :- Sa'a lama qabda sa'a sadaffaa yoo barbaadde mootummaa irratti hiriira baata.
9.#HAWAASA_JARMAN :- Sa'a lamaan qabdu qorannoodhaan waggaa dhibba akka jiraatan, ji'atti al tokko qofa akka sooratan, Aannan saawwan kudhanii akka oomishan taasifta.
10.#HAWAASA_CHAAYNAA :- Aannan sa'a lamaanirraa argatte lammii keetiif gurgurtee, Aannan plaastikarraa oomishtee biyyoota ollaatiif gurgurtee qabeenya kee ol kaafta.
11.HAWAASA_GURRAACHA_AFRIKAA:- Sa'a lamaan qabdu gurgurtee ykn qaltee ji'a tokkotti nyaattee fixxa. Achi booda dhaabbanni gargaarsaa sa'a baay'ee naaf kenna jettee eeggatta. Sun ta'uu yoo baate gara mana amantaa deemtee kadhatta. Saawwan akka samii irraa siif roobu, guyyaa 40 fi halkan 40 ni soomta. Osoo akkana jettuu hiyyummaa gadadootiin addunyaa irraa du'aan dhabamta!

Naabulii Maraanaatii
@Yaadota
3.2K views10:51
Buka / Bagaimana
2023-05-23 21:17:45 Guyyaa keessaa gaaf tokko nama ogummaa muka muruu qabu tokkotu daldalaa muka xaawulaa tokkoon akka isa qacaruuf gaafata. Daldalaan muka xaawulaa kunis tole jedhee isa qacaree iddoo kamii fi mukicha inni muru itti argisiise. Innis qottoo isaa fudhatee muruu jlaqabe. Gaafa guyyaa jalqabaa muka 18 muree oole. Daldalaan isa qacare baay'ee isa ajaa'ibsiifatee akka kanaattii itti fufuu qabda jedhee jajee ittiin boonee biraa deema. Guyyaa itti aanu muka murtuun kun 15 mure. Akkuma guyyaan dabalaa deemu mukti inni muru 12, 10 jedhee jalaa gadi bu'aa deeme. Inni muka muru kun ajajaankoo akka duraatti nan argu muka xiqqaan muraa jira jedhee guyyuudhaan humna isaa dabalee muraa yoo deemu baay'inni inni muka muruu baay'ee xiqqaachaa deeme. Gumgumuu eegale. Humna hamma kanaa baasee garuu kan muramu xiqqaachaa deema jedhe.

Guyyaa tokko daldalaan isa qacare dhufee waan jiru ilaale. Xiqqaa murte jedhee gaaffii tokko isa gaafate. Gaaffichi akkas jedha.

"Isa xumuraaf qottookee ykn murtuukee yoom qarte?" jedheen innis deebisee
" qottoo qaruu?" jedhee yeroon qottookoo qaradhu hin qabu yeroon muru malee jedheen.

Kana irraa maal hubanna?
hojiif fedhii qabna tooftaa isaa garuu baruuf qophii miti.
hojii ni hojjenna. Jireenya maatiif, jireenya, hawaasummaaf, jireenya afuuraaf, beekumsaaf, of ijaaruuf garuu yeroon qabnu.
Galma keenya bira gahuu barbaanna. Garuu daandii isaa hin beeknu
Diinagdeedhaan badhaadhuu barbaanna garuu waan diinagdeen nurraa barbaadu hin goonu
fedhii jijjiiramuu qabna garuu kutannoi jijjiiramaa hin qabnu
Dhaggeeffachuuf yeroo qabna gochaaf garuu yeroon qabnu
Taphaaf yeroo qabna tapha jireenya keenya ilaallatuuf yeroon qabnu
Walumaa galatti Tarsiimoo hojii keenyaaf malu ittiin hojii keenya masakuun dirqama filannoo hin qabnedha. Kanaafuu iddoo jirru dhaabbannee maal akka hojjechaa jirru, maaliif? eenyuuf? hammam? kan jedhu of gaafachuun dirqama jireenya keenyaaf gaaffii dhiyeessuu qabnudha.

Qottookee yoo qaratte muka hedduu muruun salphaa!

Keba Likasa
@Yaadota
3.1K views18:17
Buka / Bagaimana
2023-05-18 08:26:47 Namoonni mana hidhaa addunyaa irra jiru guutaan, akkasuma yakka sukkanneessaa hojjetan baay’een isaanii warreen ilaalcha jallaa qabaniifi ijoollummaa isaanitti guddisa-badii ta’aniidha.

Maatiin fuullee ijoollee isaaniiti. Daa’imni waan fuullee sana keessatti argite taati. Fuullee cabaan, eenyummaa cabaa, fuullee xuraawaan eenyummaa badaa fi jallaa daa’ima sana keessatti uuma. Fuullummaan abbaa fi haadhaas gargari. Fuulleen ollaa, hawaasa fi kan mana barumsaa akkuma xiqqeenyaf guddina isaatti, akkuma qulqullinaa fi xuraawina isaatti waan namni sun dhiyeesseef agarsiisa.

Daa’imni kamiyyuu nama guddaa reefu hin guddanne of keessaa qabdi. Innis adeemsa keessa kan ifa bahuudha.

Ilaalchi, eenyummaan ijoollummaa waan akka simintoo reefu bukaa’eti. Ga’eessummaan immoo “Armaataa” goggogaadha. Eenyummaan namoota baay’ee waan akka simintoo reefu bukaa’eti. Jiidhummaa isaatti seeraan bocni itti godhamee yoo hin sirranne, boca badaa fi guraangunxoo ta’ee hafa. Ijoollummaan illee akkasuma;inni ijoollummaatti hin sirranne, takka bulee goggogee waan jabaatuuf, yeroo booda gorsaaf rakkise kan badii ta’a. Bareedinni ijoollummaa haala salphaan hojjetamuudha. Rakkoon ga’eessaa jijjiiramuuf rakkisaa ta’uufi beekumsa isaa hamaa ta’eedha.



“Namni hunduu nama biraati;namni biraas akkuma keenyaa nama” jedha kitaabni Dr. Mihirat Dabebee “Lela sewu” jedhu.
4.1K views05:26
Buka / Bagaimana
2023-05-07 11:27:37
"Obbo Sibaat... Namichi tokko irra deddeebiin haala barreeffamaa kee qeeqa. Safuu cabsa jedhee si komata" jedheen Alamaayyoo Galaagay

"Eenyudha inni?"

"Xaarxiyoos Za Vaatikaan jedhama maqaan isaa"

"Xaarxii jechuun Afaan Tigriffaan maal akka ta'e beektaa?" Sibaat gaafate.

"Hin beeku"

"Dhuufuu jechuudha. Innis dhudhuufadha"

Maddi:- Seenaa Jireenyaa Sibaat
@Yaadota
4.6K views08:27
Buka / Bagaimana
2023-05-05 09:35:22
Muluu too yaa mululaatee
Bottii binnaan sitti ulfaatee
Askoo binnaan mucucaatee
Sharaa binnaan sitti taatee
Jiddi Faradoo hin sakaaluu
Mormatti mareet gadhiisaa
Obboleessi nama hin dhaanuu
Tajjabeet itti dhiisaa.


Wasanuu Didoo
3.7K views06:35
Buka / Bagaimana
2023-04-25 08:09:38 Dhaloota baraaruun gahee eenyuuti?

Bona bubbeen waan hunda kaasee deema. Dhukkee oyiruu irraa,
xuraawaafi balfa immoo cinaa magaalaati, aara summaa'aa naannoo waarshaaleeti, urgooftuu garaa garaa namarraa, foolii ajaa'aa raga irraa.,
kaarboondaayi oksaayidii immoo namaafi bineeldota irraa walitti
qirqaabee deema. Kanneen kana hunda keessaa mukaaf barbaachisaan kaarboondayi oksaayidii (CO2) qofa. Innis qilleensa keessatti wantoota
biroo waliin jira. Mukni yoo CO2 dhabe nyaata qopheeffachuu hin
danda'u. Isa kana argachuuf gaafa gara addunyaa qilleensaa dhaqu,
balfaafi xuraawaa sunniin fudhachuu hin qabu.

Balfa kanneen baqachuufis CO2 dhabuu hin qabu. Falli biqiltuun tokko
qabu waan isa fayyadu qofa keessaa fudhachuudha.

Addunyaan keessa jirrus akka bubbee kanaa waan hedduu qabatee jira.
Hunduu walmakee waliin deemaa jira. Namoota hedduuf akka sa'a
ibidda dhaleeti. Arraabuuf abidda, dhiisuuf dhala. Addunyaan keenyas
namootaaf akkasi. Baqachuuf waan bareedaa hedduu qabdi. Fudhachuuf
Inmoo waan badaas akkasuma baattee deemti.

Akka bishaan lagaa dhimbiibanii yoo fudhatan malee, irra keessi taliila keessi immoo summiidha.

Kanaafuu dhaloota baraaruun gahee dhalootuma sanaati. of eeggachaatuma!


Kitaaba Galaa Sammuu jedhu irraa!
4.9K views05:09
Buka / Bagaimana
2023-04-24 12:46:24 Og-barruu Afaan Oromoo

Mee Namni ani of barruu Afaan Oromoo nan jaaladha jedhu?
Qabeenya kee ati osoo hin kabajin namni akka siif kabaju eegun gowwummaadha. Dafaa chaanaalii babbareedoo Of barruu Afaan Oromoo kunneen Join godhaa
3.2K views09:46
Buka / Bagaimana
2023-04-02 11:42:51 Kennaakee Barbaadi!

Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin dhaangi'amee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baayyeen namootaa carraa irratti utuu himata banuu, himata galmeensaa hincufamneen hawwii fi fedhiisaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abju hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'atti qooda kee adda hinbaafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i, kennaankee suma keessa jira. Kennaa dhokatee awwaalamee abbuumaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuunkee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hoji kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaakee argattee mul'atakee waliin walquunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dhahi!

Yeyis Birruu
@Yaadota
7.4K views08:42
Buka / Bagaimana
2023-04-01 11:02:59 🗨️"Maal na fayyadaa?" jedhe Sooqiraaxas

Sooqiraaxas hayyuu karra filoosoofii bara qaxxaamuru saaqedha. Kanaaf filoosooferri tokko akkas jedhe, "Filoosiifii Sooqiraaxas duumessarraa gadi buuse, namni ammayyuu duumeessarra barbaada" jedhee ragaa baheef.

Sooqqiraaxas, jaallattoota filoosoofii biratti kabajamaa fi leellifamaa jiraata.

Gaaftokko, ''Afaan dubbii bare utubaatti asaasa'' akka jedhan, namichi tokkoo muddamaa gara godoo Sooqiraaxasitti ol seenee, ''Sooqiraaxas!, Maa didda Sooqoraaxas!'' jedhee afuuraa citaa waame. Sooqiraaxas, mil'atee calluma jedhe.

Namichoon silumayyuu dubbiin waan harkaa harcaatu itti fakkaateeraa dhaabatee ofitti haasa'utti ka'e. ''Ihiim, nama dhibabboo, maal kun!'' jedhee haasa'uu eegale.

Yeroo kana Sooqiraxas akka namichi kun hin deemne waan bareef, 'Waa natti himuu feetee?'' jedheen. Namichis silayyuu muddameeraa, ''Maal hiriyaakoo tkkotu...'' jedhee utuu inni hin fixin, Sooqiraaxas, ''Natti himuu keetiin dura gaaffii 3'n si gaafadha, naa eyyamtaa?'' jedheen. Namichis, ''Haata'u, haata'u'' jedhe.

Gaaffii 1ffaa jedhe Soqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu dhibbaa dhibba dhugaadhaa?'' jedheen. Namichis, ''Lakki isaa hoo hin beeku'' jedhee deebise.

Gaaffii 2ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf jettu waan gaariidhaa?'' jedhee gaafate. Namichis, muddamee, ''Muu, waan gaarii maalitii....'' jedhee utuu inni hin fixin Sooqiraaxas isa dhaabsise.

Gaaffii 3ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu kun yoon dhaga'e maal na fayyadaa?'' jedhee gaafate. Namichis, ''Isallee... homaayyuu waan si fayyadu hin qabu'' jedheen.

Kana booda, ''Godookoo keessaa naa bahi!'' jedheen Sooqiraaxas. Namichis akkuma fiigaa dhufetti fiigaa sokke.

Misgaanuu Yaadasaan
@Yaadota
6.6K views08:02
Buka / Bagaimana
2023-04-01 08:33:03 Wanta ati itti amantee, qajeelfama jireenya keetii gootee ittiin jiraachaa jirtu, namoonni yoona gowwummaatti lakkaa'u.
Qajeelfamichi si baasa taanan, gowwummaatti miti jaanjummaattiyyuu haa lakka'aan.Waan qajeelfamni kee godhi siin jedhu gochuuf, madaala namoonni siif kennan sana hin ilaalin, callisiituma godhi!

@Yaadota
4.5K views05:33
Buka / Bagaimana