Get Mystery Box with random crypto!

Guyyaa keessaa gaaf tokko nama ogummaa muka muruu qabu tokkotu | Yaadota Xixinnoo!

Guyyaa keessaa gaaf tokko nama ogummaa muka muruu qabu tokkotu daldalaa muka xaawulaa tokkoon akka isa qacaruuf gaafata. Daldalaan muka xaawulaa kunis tole jedhee isa qacaree iddoo kamii fi mukicha inni muru itti argisiise. Innis qottoo isaa fudhatee muruu jlaqabe. Gaafa guyyaa jalqabaa muka 18 muree oole. Daldalaan isa qacare baay'ee isa ajaa'ibsiifatee akka kanaattii itti fufuu qabda jedhee jajee ittiin boonee biraa deema. Guyyaa itti aanu muka murtuun kun 15 mure. Akkuma guyyaan dabalaa deemu mukti inni muru 12, 10 jedhee jalaa gadi bu'aa deeme. Inni muka muru kun ajajaankoo akka duraatti nan argu muka xiqqaan muraa jira jedhee guyyuudhaan humna isaa dabalee muraa yoo deemu baay'inni inni muka muruu baay'ee xiqqaachaa deeme. Gumgumuu eegale. Humna hamma kanaa baasee garuu kan muramu xiqqaachaa deema jedhe.

Guyyaa tokko daldalaan isa qacare dhufee waan jiru ilaale. Xiqqaa murte jedhee gaaffii tokko isa gaafate. Gaaffichi akkas jedha.

"Isa xumuraaf qottookee ykn murtuukee yoom qarte?" jedheen innis deebisee
" qottoo qaruu?" jedhee yeroon qottookoo qaradhu hin qabu yeroon muru malee jedheen.

Kana irraa maal hubanna?
hojiif fedhii qabna tooftaa isaa garuu baruuf qophii miti.
hojii ni hojjenna. Jireenya maatiif, jireenya, hawaasummaaf, jireenya afuuraaf, beekumsaaf, of ijaaruuf garuu yeroon qabnu.
Galma keenya bira gahuu barbaanna. Garuu daandii isaa hin beeknu
Diinagdeedhaan badhaadhuu barbaanna garuu waan diinagdeen nurraa barbaadu hin goonu
fedhii jijjiiramuu qabna garuu kutannoi jijjiiramaa hin qabnu
Dhaggeeffachuuf yeroo qabna gochaaf garuu yeroon qabnu
Taphaaf yeroo qabna tapha jireenya keenya ilaallatuuf yeroon qabnu
Walumaa galatti Tarsiimoo hojii keenyaaf malu ittiin hojii keenya masakuun dirqama filannoo hin qabnedha. Kanaafuu iddoo jirru dhaabbannee maal akka hojjechaa jirru, maaliif? eenyuuf? hammam? kan jedhu of gaafachuun dirqama jireenya keenyaaf gaaffii dhiyeessuu qabnudha.

Qottookee yoo qaratte muka hedduu muruun salphaa!

Keba Likasa
@Yaadota