Get Mystery Box with random crypto!

Kennaakee Barbaadi! Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi | Yaadota Xixinnoo!

Kennaakee Barbaadi!

Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin dhaangi'amee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baayyeen namootaa carraa irratti utuu himata banuu, himata galmeensaa hincufamneen hawwii fi fedhiisaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abju hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'atti qooda kee adda hinbaafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i, kennaankee suma keessa jira. Kennaa dhokatee awwaalamee abbuumaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuunkee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hoji kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaakee argattee mul'atakee waliin walquunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dhahi!

Yeyis Birruu
@Yaadota