Get Mystery Box with random crypto!

'Maal na fayyadaa?' jedhe Sooqiraaxas Sooqiraaxas hayyuu karr | Yaadota Xixinnoo!

"Maal na fayyadaa?" jedhe Sooqiraaxas

Sooqiraaxas hayyuu karra filoosoofii bara qaxxaamuru saaqedha. Kanaaf filoosooferri tokko akkas jedhe, "Filoosiifii Sooqiraaxas duumessarraa gadi buuse, namni ammayyuu duumeessarra barbaada" jedhee ragaa baheef.

Sooqqiraaxas, jaallattoota filoosoofii biratti kabajamaa fi leellifamaa jiraata.

Gaaftokko, ''Afaan dubbii bare utubaatti asaasa'' akka jedhan, namichi tokkoo muddamaa gara godoo Sooqiraaxasitti ol seenee, ''Sooqiraaxas!, Maa didda Sooqoraaxas!'' jedhee afuuraa citaa waame. Sooqiraaxas, mil'atee calluma jedhe.

Namichoon silumayyuu dubbiin waan harkaa harcaatu itti fakkaateeraa dhaabatee ofitti haasa'utti ka'e. ''Ihiim, nama dhibabboo, maal kun!'' jedhee haasa'uu eegale.

Yeroo kana Sooqiraxas akka namichi kun hin deemne waan bareef, 'Waa natti himuu feetee?'' jedheen. Namichis silayyuu muddameeraa, ''Maal hiriyaakoo tkkotu...'' jedhee utuu inni hin fixin, Sooqiraaxas, ''Natti himuu keetiin dura gaaffii 3'n si gaafadha, naa eyyamtaa?'' jedheen. Namichis, ''Haata'u, haata'u'' jedhe.

Gaaffii 1ffaa jedhe Soqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu dhibbaa dhibba dhugaadhaa?'' jedheen. Namichis, ''Lakki isaa hoo hin beeku'' jedhee deebise.

Gaaffii 2ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf jettu waan gaariidhaa?'' jedhee gaafate. Namichis, muddamee, ''Muu, waan gaarii maalitii....'' jedhee utuu inni hin fixin Sooqiraaxas isa dhaabsise.

Gaaffii 3ffaa jedhe Sooqiraaxas, ''Wanti natti himuuf deemtu kun yoon dhaga'e maal na fayyadaa?'' jedhee gaafate. Namichis, ''Isallee... homaayyuu waan si fayyadu hin qabu'' jedheen.

Kana booda, ''Godookoo keessaa naa bahi!'' jedheen Sooqiraaxas. Namichis akkuma fiigaa dhufetti fiigaa sokke.
.
@Yaadota