Get Mystery Box with random crypto!

Barsiisatu hubannoo barattootaa madaaluuf jedhee gaaffii qabat | Yaadota Xixinnoo!

Barsiisatu hubannoo barattootaa madaaluuf jedhee gaaffii qabatee daree seene.

Achii gabatee gurraacha irratti boronqqiin sarara dalgee tokko sararee ajaja akkas jedhu dabarse. "Sarara kana osoo hin tuqiin gabaabsaa" jedheen.

Osoo isa barraa'e hintuqi gabaabsuun dandeettii ajaa'ibaati.

Garuu, garuu, warreen guddatanii mul’achuu barbaadaniif isa sararame balleessuun akkasuma filannoo kan itti fakkaatuuf salphaadha.

Gaaffiin Kunimmoo olaantummaa agarsiisuuf warra kan jiru balleessaan ni faallessa. Sababnisaas, sarara jiru balleessuun sararicha hin gabaabsu;nama balleessu santu yaada gabaabaa qabaata. Sanaa ol yaaduus gaafata.

Gaaffii barsiisaan gaafate kana deebisuuf barataa cimaan tokko harka baasee deebii deebisuuf fulduratti bahe. Boronqii fudhatee sarara barsiisan sarare cinaatti sarara dheeraa sarare. Amma sararri dura sararame kan amma sararamee gadi ta'e. Barsiisaan sunis kan barbaadaan kana ture.

Kan biraa gabaabaa taasisuuf dheeraan biraa cinaasaa jiraachuu qaba.

Addunyaa dorgommiin itti baay'atu kanarra garuu haalli jiru faalladha. Namoonni muraasni,sarara nama biraa osoo hin tuqiin kan mataa isaanii sararatu.

Innis sarara dheeraa namoonni biroo sararatan, sarara dheeratee gabaabsu jechuudha. Sarara namni biraa sararate osoo hintuqin gabaabsu. Baayyoliin garuu sarara namni sararate balleessanii gabaabsuuf yaalu. Addunyaan keenya namoota sarara namni biraa sararate darbe balleessanii sararaniin guutamteetti.

Hubataan garuu, sarara dura jiru balleessee gabaabsuurra, kan ofii dheeressee nutti agarsiisa. Bu'aan yaada gabaabaa garuu, sararuu dhiiseet, kan namni biraa sararate balleessee gabaabsa.

Kanaafuu, namni kan sararate osoo hin tuqin kan duraa kan gabaabsu eenyu?

Sarara Mataa keetii sarari malee, kan nama biraa hin balleessin!
@yaadubbisnu