Get Mystery Box with random crypto!

Waggoottan keessaa yeroon ta'e tokko rakkisaadha. Guyyaa itti | Yaadota Xixinnoo!

Waggoottan keessaa yeroon ta'e tokko rakkisaadha. Guyyaa itti haala keessa jirru sana, namni ta'e dhufee akka jijjiiruuf dharraanudha. Yeroon sun Waaqattillee waan garaa keenyaa himachuuf humna yaadaa gaafa itti dhabnuudha.

Dhalanneerra waan ta'eef jiraachuu qabna. Gaafa dhalanne dandeettii yaaduu waliin utuu dhufnee gaariidha. Silaa fuuldura keenya guyyoonni rakkisoon akka jirantu nutti himama. Tarii hagas mara addunyaan haaraa nutti hin taatu.

Gaaf tokko ofii keenya dadhabnee, of jibbinee, of baqachuu yaalleerra ta'a. Garuu namni biroo nu dadhabuu isaatiif nama sanatti mufanna. Namoota waan taaneef, gaafa of dhiifnullee warreen kaan akka nu dhiisan hin barbaannu.

Muddama tokko yeroo dabarru, dhibeen biraa hin dhufu jennee amanna. Garuu tasumaa akkas ta'uu hin danda'u. Guyyaan itti aanus ulfaataa ta'uu mala. Garuu, gaaf tokko akkas hin ta'u. Gaafa sana haalli rakkisaan hin jiraatu. Qilleensi bal'inas ta'e rakkina bubbisu ni dhaabbata. Gaaf tokko wanti hundi xumura godhata!

By Dagaagaa Zarihuun
@Yaadota