Get Mystery Box with random crypto!

Gaafataan sun... Hoomaa gaaffilee isaaf Deebii adamsuu labee | Yaadota Xixinnoo!

Gaafataan sun...

Hoomaa gaaffilee isaaf
Deebii adamsuu labee
Bosona yaadaa keessaa
Argaafuu erga dhabee,

Warra qe'ee gamaatii
Akka gaaraa mul'atan
Warra qalbiin tottolee
Akka gaariis dubbatan,

Deebii isaan kajeeluu
Gaafa achi qajeelu,

"An deebii nan qaba,
Garuus deebii hin qabu
Qaba, hin qabu jedhee
Barbaachasaa hin labu
Gaaffii lafa buuseen
Yaadaan hin kirkiru
Gaaffiin erga hin jirree
Haajaan deebii hin jiru!"
Jedhe hayyuun gamaa
Kan hedduun leellise
(Gaafataa, gaaffii isaatti
Waa xiqqoo itti eebbise.)

"Gaaffii fi deebii jettee
Maaliif qoodda, afachu?
Gaaffiitu deebiidha
Bar tokkuma lachuu!"
Jedhe guddaan tokkos
Gaaffii deebiin maree
(Jecha shooshilata,
Jecha garaa bare!)

"Deebiin tokko jira,
Deebiin fala laatu
'Deebiin tokko hin jiru,
Hin turre, hin jiraatu'
Kanatu deebiidha,
Hubee sirriin kana
Abuuruuf abdattee
Maaf joorta, namana?"
Jedha dubbataa biroon,
(Garaa mamu mamsiisa
Joormaa gatii dhabsiisa!)

Egaa gaafataan sun,
Deebii-iyyaafataan sun,

Qalbifatee, quufee
Yaadi isaaf gamsiisee
Warra gurra guddaaf
Gurra ergisuu dhiisee,

Dimimmisa jala
Qe'ee sanaa ba'ee
"Isaanis hin beekan"
Jechaa mana ga'e!

Raga Isayas