Get Mystery Box with random crypto!

Sanyii Guddataa

Logo saluran telegram segnigudeta — Sanyii Guddataa S
Topik dari saluran:
Coopbank
Sammuu
Success
Logo saluran telegram segnigudeta — Sanyii Guddataa
Topik dari saluran:
Coopbank
Sammuu
Success
Alamat saluran: @segnigudeta
Kategori: Pekerjaan
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 154.49K

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru 55

2023-09-29 20:21:19 #Inbox Iyyaafannoo
Nagaa jirtaa sanyii

Abbaan document kanaa qacarrii argatee gara jimmaa utuu deemaa jiruu Walqixxeetti cireef yoo konkolaataa keessaa bu'an shaanxaa isaa waliin jalaa fudhatan. Waraqaa hojii barreeffameefii waliin jechuudha. Amma isa hojiitti qajeelee ture deebi'e gara finfinneetti.

Maqaa guutuu: Masarat Alemayehu
Har'a 18/1/2016, Ganama naannoo sa'atii 4:00 itti, naannoo buufata konkolaataa Walqixxeetti

Document kutaa 8 hanga teempoo(degree) kan bade.

Lakk bilb : +251940066017
   +251949490791
20.0K viewsSanyii Guddataa, edited  17:21
Buka / Bagaimana
2023-09-29 20:12:17
18.2K viewsSanyii Guddataa, 17:12
Buka / Bagaimana
2023-09-27 15:07:46
12.8K viewsFiroomin Isan, 12:07
Buka / Bagaimana
2023-09-27 14:19:47
13.5K viewsSanyii Guddataa, 11:19
Buka / Bagaimana
2023-09-27 14:17:56
Ministry of Revenue
13.2K viewsSanyii Guddataa, 11:17
Buka / Bagaimana
2023-09-27 13:47:10 ~ Jecha beektotaa~

"Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu." Shiiv keeraa

"Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay'ata." Shiiv keeraa.

"Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu."M. Gaandii
"
"Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha." N. Maandellaa.

"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari'u; jaalalatu jibba ari'a." Maartiin Luuter Kiingi.

"Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin." Maartiin Luuter Kiingi.

"Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu." Maartiin Luuter Kiingi.

"Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama." Riichaard Niiksoon.

"Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha." Albeert Inestaayin.

"Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu." Albeert Inestaayin.

"Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e." Iyezak niiwtan.

"Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha." Biil Geet.

"Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha." Biil koosbiil

"Kun hundumtuu ta'ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada." Haannaa Firaank.

"Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."Joon F Keenedii.

"Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha." Heelen kiiler.

"Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati." Naappooliyoon Hiil.
13.4K viewsSanyii Guddataa, edited  10:47
Buka / Bagaimana
2023-09-24 18:03:26 𝖩𝖤𝖢𝖧𝖮𝖮𝖳𝖠 𝖲𝖮𝖮𝖱𝖠𝖳𝖠 𝖲𝖠𝖬𝖬𝖴𝖴
      
     MILKAA'INA

🇸 🇺 🇨 🇨 🇪 🇸 🇸
 
❍ Namni harka kiisha keessa galchee sadarkaa milkaa'inaatti ol bahee hin beeku.
   ➛William
 
❍ Obsi, ciminaa fi dafqi milkaa’inaaf walnyaatinsa hin mo’amne taasisu.
   ➛Naapooliyoon Hill
 
❍ Yeroo hunda milkaa'ina eegi, gonkumaa milkaa'eera jettee hin yaadin.
   ➛Toomaas Arnoold
 
❍ Har'a milkaa'aa ta'eera sababni isaas hiriyyaa natti amanu waanan qabuuf onnee isa gadi dhiisu waanan hin qabneef.
➛𝘈𝘣𝘳𝘢𝘩𝘢𝘮 𝘓𝘪𝘯𝘤𝘰𝘭𝘯 
 
❍ Injifannoon kan mi'aawu yeroo mo'amuu beektudha.
   ➛Malcolm S. Foorbis
 
❍ Iccitiin milkaa’ina kaayyoof dhaabbataa ta’uudha.
   ➛Beeniyaamin Disraeli
 
❍ Jireenya keessatti iccitiin milkaa'ina dhiirri carraa isaaf yeroo dhufu qophaa'uudha.
   ➛Beeniyaamin Disraeli
 
❍ Milkaa'ina caalaa kufaatii irraa baratta. Si hin dhowwiin. Kufaatiin amala ijaara.
   ➛Anon
 
❍ Biyya lafaa kana irratti milkaa’ina argachuuf karaan hundarra gaariin gorsa namoota biroof kennitu irratti hundaa’uun hojii irra oolchuudha.
   ➛Anon
 
❍ Dhiirri milkaa'ina kan ta'u ganama ka'ee halkan yoo ciisee, jidduutti immoo waan barbaade yoo raawwatedha.
   ➛Boob Diilaanii
 
❍ Wanti akka qormaata hadhaa’aa nutti fakkaatu yeroo baay’ee eebba fakkeessanii argamudha.
   ➛Oskard Waayild
 
❍ Milkaa’inni gonkumaa dogoggora hojjechuu osoo hin taane yeroo lammataaf dogoggora tokko gonkumaa hojjechuu dhiisuudha.
 ➛Joorji Bernaard Shaw
 
❍ Nama milkaa'ina qabu ta'uu osoo hin taane nama gatii guddaa qabu ta'uuf yaali.
  ➛Albert 𝘌𝘪𝘯𝘴𝘵𝘦𝘪𝘯 
 
❍ Yoo A jireenya keessatti milkaa’ina ta’e, X Ida'ama Y ida'ama Z, A waliin walqixa. Hojiin x dha; y tapha dha; z immoo afaan kee cufachaa jirta.
  ➛Albert 𝘌𝘪𝘯𝘴𝘵𝘦𝘪𝘯 
 
❍ Milkaa'inni dhugaa nama of kalaqeedha.
   ➛Al Goldstein


✤ 𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗸𝗮𝘂𝗺𝘀𝗮𝗮
13.5K viewsSanyii Guddataa, 15:03
Buka / Bagaimana
2023-09-24 07:52:45 ZamZam Bank SC

Position - Senior Banking Business Officer
Education: B.A Degree in Economics, Management, Accounting or other Business related fields
Find More Details here
         
https://elelanajobs.com/job/zamzam-bank-s-c-sept-21-23/

Deadline: September 29/23
18.2K viewsSanyii Guddataa, 04:52
Buka / Bagaimana
2023-09-23 22:37:31
Gatiin Nama meeqa...?
19.5K viewsSanyii Guddataa, 19:37
Buka / Bagaimana
2023-09-21 11:08:13 Milkaa'ina Gonfachuu

Milkaa'inni nama addunyaa kan irratti nama ta'e dhalate hundumaaf hawwiidha. hiikkaa namni milkaa'inaaf qabu addaa adda malee namni hunduu milkaa'ina ni barabaada. Namni milkaa'ina biraa ga'uuf gatii guddaa itti kaffaluutu irraa jiraata. namonni baayee garuu milkaa'inaaf hawwii qofa qabu.

Qabxiilee Milkaa'ina si gonfachiisan

1. Tokko filadhu "Hunduma jaallataan tokko dhaba"

2. Namoota waliin hariiroo gaarii Uumadhu. "Amalli gaariin ollaa hamaa wajjiin nama bulcha"

3. Tooftaa hojii kee yeroo yerootti jijjiiri.

4. Haasaa keessa hin oliin

5. Wanta sin galchine keessa hin galin

6. Gara dhiifamaa qabaadhu "Namni dadhabaan tasuma dhiifama hin beeku, dhiifamni amala namoota jajjabooti Mahaatama Gaandii.

7. Namoota booda rafi, namoota durammoo ka'i
 Waadaa kee eegdee mul'ata kee galmaan ga'uuf namoota huunda booda rafi, hunda durammoo barii barraaqaaan ka'i.

8. Namoota si waliin sochootu addaan baafadhu.
Egaa gaafa ati Mul'ata kee hojiitti hiikuuf kaatu mul'anni kee namoota gosa lama si faana sochoosa
1ffaa. Namoota mul'ata kee si jaallatanii,mul'ata kee deeggaran siif kaasa, 2ffaa. Namoota mul'ata warraa faallaa kee deemuun siins mul'ata kee awwaaluu barabaadan immoo sirratti kaasa.

9. Utuu hin hubatin dubbachuu fi hojjechuu irraa of qusadhu. namni beekaan wanta dubbatuu fi hojjetu nama hubateedha. wallaala garuu hubannaa dhabuutu isa kuffisa.

10. Yeroo hundumma nama dubbisu ta'i
"Wanti guddaan gatii ati kitaabatti baastu miti, gatii ati yoo hin dubbisne baastuudha" Jiim Rooh Via Waadaa @segnigudeta
13.7K viewsSanyii Guddataa, edited  08:08
Buka / Bagaimana