Get Mystery Box with random crypto!

Sanyii Guddataa

Logo saluran telegram segnigudeta — Sanyii Guddataa S
Topik dari saluran:
Suuraa
Jenenusdejene
Hiriyoota
Logo saluran telegram segnigudeta — Sanyii Guddataa
Topik dari saluran:
Suuraa
Jenenusdejene
Hiriyoota
Alamat saluran: @segnigudeta
Kategori: Pekerjaan
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 149.59K

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2024-04-30 22:42:45
14.1K viewsSanyii Guddataa, 19:42
Buka / Bagaimana
2024-04-30 22:42:08
13.5K viewsSanyii Guddataa, 19:42
Buka / Bagaimana
2024-04-28 17:58:41
Eebba Kitaaba Gumgummii Eelaa! #JenenusDejene baga milkoofte .#Suuraa yaadannoo #hiriyoota waliin.
13.4K viewsSanyii Guddataa, 14:58
Buka / Bagaimana
2024-04-26 13:45:44 #DARGAGGOOTAAF
Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay'ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu'anii ba'uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!

Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta'e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kaan har'a keessa taa'anii borii isaanii ibsatu, warreen biroon immoo borii isaanii har'a keessatti dukkaneessaa jiraatu. "Youth is the best time to be rich, and best time to be poor" jedhu warri adii!

Bakka ati yeroo dulluma kee teessu gocha bara dargaggummaa keetu murteessa.
Dadhabbii kee har'aattu walitti idaa'amee bor siif kennama. Kanaaf hojiitu dhibe, qarshiin dhabe, fira na gargaaru hinqabu...waan hinqabne yaaduu dhiisii, waan qabdu yaadadhu. Marattee taa'uu dhiisii ka'ii socho'i!

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee galma guddinaa arga. Filannoo argatteef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata. Ba'aa matii ta'ee jiraata osoo hintaane maatii irraa ba'aa hir'isa. Maatii isaatu yaadda'a osoo hintaane, maatii isaaf yaada!

Addunyaa kanarraa baay'inaan toora duraa irra kan jiru dargaggeessa. Biyya kana keessaas dhibbantaa 77 dargaggoota akka ta'an qorannooleen addeesu. Kana jechuun eenyu caalaa iyyuu jijjiiramatti dhiyoo kan jiran dargaggoota. Kan nama gaddisisu garuu carraa nuti qabnu kun akka albuuda Afirikaati. Itti hinfayyadamnu!

Jireenyi utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har'a qabdu bor ni dhiba. Umuriin namaa dungoodha. Irraa gadi hir'achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha!

Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta'a. Amma garuu nama kaayyoof jiraatu ta'uu qabda. @WABIISG
12.7K viewsSanyii Guddataa, edited  10:45
Buka / Bagaimana
2024-04-24 15:20:10
Seeneetiin #Ameerikaa wixinee seeraa falmsiisaa #TikTok biyyattii keessatti akka cufamu ajaju raggaase.

Wixineen seeraa kun erga Seeneetii biyyattiin raggaasifamee booda pireezidantii US Joo Baayidaniif dhiyaatee irratti mallattaa'uun seera ta'ee baha. #Baayidan wixineen kun akkuma waajirasaanii qaqqabeen kan mallatteessan ta'uu himaniiru. Via BBC

#Itoophiyaa keessatti osoo cufame
moo itti fufe wayya..? Maaliif
13.2K viewsSanyii Guddataa, edited  12:20
Buka / Bagaimana
2024-04-24 15:03:55 Zamzam Bank SC

1 - Banking Business Officer
2 - Branch Manager
Find More Details here
         
https://elelanajobs.com/job/zamzam-bank-sc-april-24-24/

Deadline: May 03/24
12.6K viewsFiroomin Isan, 12:03
Buka / Bagaimana
2024-04-24 13:11:43 Tsinghua University Schwarzman Scholarship

University:  Tsinghua University
Degree level:  Masters Degree
Scholarship coverage:  Fully Funded
Eligible nationality:  All Nationalities
Award country:  China
Find More Details here
         
https://elelanajobs.com/job/tsinghua-university-schwarzman-scholarship-april-24-24/

Deadline: September 12/24
14.2K viewsFiroomin Isan, 10:11
Buka / Bagaimana
2024-04-24 12:16:19
Namoota 600 ol barabaada
14.5K viewsSanyii Guddataa, 09:16
Buka / Bagaimana
2024-04-24 10:10:42 GATIINKEE HANGAMI..?
(HOW MUCH YOUR WORTH IS?

Abbaatu du'a isaan dura ilma isaan akkas jedha; "Sa'aatiin kun kan akaakayyuunkee naaf kenneedha; innis waggaa 200 ol fixeera. Garuu, ani osoo siif hin kennin dura dukkaana (suuqii) itti sa'aatiin gurguramu deemiitii gatii hangamii akka baasu gaafadhu!" jedheen.

Ilmis deemee dhufee, abbaa isaatiin, " 'Sa'aatichi tureera (dulloomeera)' naan jechuun $5 naaf kennan" jedheen. Abbaanis "Suuqii bunaa deemi gaafadhu!" jedheen. Achis deemee gara isaatti deebi'uun, "Isaan immoo $10 naaf kennan" jechuun itti hime. dhuma irratti abbaan, "Muuziyeema deemii itti agarsiisi!" jedheen. Innis deemee deebi'ee; abbaa isaatiin akkana jedhe, "Sa'aatii umurii heddu lakkoofsiseera. kanaaf $1,000,000 naaf kennan" jedheen.

Abbaanis ilma isaan, "Bakki sirriin haala sirriin gatiikee akka dinqisiifattuufi akka beektun barbaade. bakka dogongoraa of hin kaa'iin! Kan gatii kee beeku kan si dinqisiifatuudha; bakka siif hin madaallee hin turin!" jedhee ilma isaa gorse jedhama.

Moral (Seexaa): Tarii bakka dhaquun nuuf hin malle ykn nun madaalle deemuun, gatii nun madaalleen dhoofsifamnee ta'uu danda'a. Garuu, inni gatii keenya osoo hin taane, balleessaa bakka filachuu dhabuuti. akkan taane madaalamuun sammuu miidha, guddinas quucarsa. Madaallin sirrii hin taane akkasii nu aarsuu danda'a; garuu aaruu irra madaaltuu sirrii kan bakka isaa eeggateen madaala sirreessuudha. Gatii keenya isa sirrii beekuufi bakka sirrii, haala sirriin nu madaalu deemuu qabna.

Right place appreciates your value in right way! Via Ifaa Tasfaa @WABIISG
15.1K viewsSanyii Guddataa, edited  07:10
Buka / Bagaimana
2024-04-24 10:10:37
13.2K viewsSanyii Guddataa, 07:10
Buka / Bagaimana