2024-04-23 21:34:26
#ILAALCHA_KEENYA!
~
Jireenyi keenya ilaalcha nuti ilaalluun murteeffama. Kana jechuun waanti kamiyyuu akka nuti ilaalle ta'a. As keessatti fakkeenya gabaabduu tokko yoon isiniif kaasuu; namni fuullee gurraacha ijasaatti yoo uffate waan barbaaden ilaala yoo jedhe waan barbaade sana itti agarsiisuu hin danada'u. Sababni isaa fuullichi gurraacha waan ta'eef. Furmaanni nama kanaa maali yoo jennee fuullee ijaa sana jijjiiruu yookin ija isaa irraa kaasuudha. Nutis akkuma fakkeenya kanarraa hubattan jireenya jijjiiruudhaaf waan ilaalcha keenya dukkaneesse ofirraa fageessuun baayyee barbaachisaa fi murteessaadha. "Haala si mudatu waliin jireenya kee wal simsiisuu yaalii godhi malee akkan barbaadu ta'uun qaba" hin jedhiin. #Abrahaam_Liinkan. Jecha nama kanaarraa waan baayyee baranna. Namoonni baay'een yeroo jireenyi manii #Target isaanii keessa seenuufi didutu jira. Dubbiin namicha kanaa anaan waan baayyee na barsiiseera. Innis yeroo baayyee dhugaa wantichaa hubachuu dadhabnee akkasan ta'uu qaba, kana hojjechuun qaba, isa kanaan milkaa'uun qaba jenna.
~
#Garuu hamma murtaa'e erga tarkaanfannee booda haalli sun akka nuti yaalle ta'uu dhiisaa waanti nuti hin yaalle nu quunnamee faallaa wanta yaadnee taanee argamna. Kun immoo rakkoo ilaalchaa irraa kan dhufeedha. Yeroon jedhus akka nuti itti yaadnetu rakkoon hin jiru ilaalcha jedhu qabaatee waan ba'eef malee rakkoon akka jiru of amansiifnee jireenya keenya rakkichaan wal simsiisuu dadhabnee hin argamu ture.
Haalli si mudate gaarii yoo ta'es ilaalcha jireenya kee haala gaarii sanaan wal quunnamsiisi. Akkasumas haalli si mudate badaa yoo ta'es jireenyakee haalicha dheessuu osoo hin taane isaan isa wal quunnamsiisi. "Gaabbiin kan nu quunnamu yeroo wanta darbe irraa hin baratiin hafnuudha. Atimmoo gaabbii tokko malee bekumsa haaraan gara fuulduraatti hiixadhu. Kufaatii kaleessaa teellaa deebitee hin suufini! "
'Kaatirin Puulsier'
Addunyaa kanarraa rakkoon namootaa baayyee inni guddaan waan darbe irraa hin baratan jireenya haaraa fi ilaalcha haaraa burqisiisuu hin barbaadan. Kunimmoo akka isaan jireenya kaleessaa, ilaalcha kaleessaa irra deddeebi'anii yaaduudhaan boruu isaanii balleessaa jiraatan isaan taasisa.
Kaleessi darbeera namni hojii kaleessaa irra deebi'ee hojjetu hin jiru. Jireenya kaleessaa irra deebi'ee jiraatu hin jiru, wanta kaleessa yaadee fi hojjete har'a isa kan bakka buusu hin jiru. Kufaatii hundumaa keessaa inni hamaa fi gadheen ilaalcha nama gammachiisuu fi nama biratti fudhatamummaa argachuuf fiiguudha.
Waan dubbiftanii Galatoomaa
#Maddi :- #LabataMagazine dha.
@WABIISG @segnigudeta
17.0K viewsSanyii Guddataa, edited 18:34