2023-09-08 18:21:52
AMALOOTA HIRIYAA SOBAA 10!
➊. Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasa'u, gaafa ati barbaaddu hin argaman gaafa ofiif si barbaadan malee!
➋. Gaarummaa kee akka gowwummaatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu, gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu, si cufu, amala sitti jijjiiratu!
➌. Milkaa'ina keetitti hin gammadan, akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, yookiin milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu godhu barbaadu!
➍. Yeroo hunda gadi si qabu, bifa keetiin, amala kee qeequ, filannoo kee akka jibbitu si godhu, walumaa galatti akka gadi aantummaan sitti dhaga'amu si gochuu barbaadu! Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne godhani si duuba waa'e kee namoota birootiif odeessu !!
➎. Yeroo siif hin kennan, si hin dhaggeeffatan, rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu, yeroo hunda negative dha! Of jaalatu, amala isaanii hin beektu, ni jijjiiramu, yeroo hunda sababa baay'isu, gaafa ati barbaaddu amala akkasii agarsiisu! Iccitii kee si irraa baasuu barbaadu, garuu kan isaanii immoo siif himuu hin fedhan!
➏. Si to'achuu barbaadu, waan uffachuu qabdu, nyaachuu qabdu, eenyu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu, yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama sana akka jibbitu barbaadan!
➐. Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan sana waliin jaalattu si gochuu barbaadu! Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin fedhan, karaa isaan jaalatan qofa akka ati hordoftu si gochuu barbaadu!
➑. Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun si irrattis akkasuma duuba kee deemanii waa'ee kan kee xureessanii haasa'uu barbaadu jechuudha! Waan ati iccitiidhaan itti himte, si duuba deebi'anii nama biroof odeessu! Dafanii sitti mufatu, dafanii ammaas deebi'anii sitti araaramu!
➒. Yeroo hunda siin dorgomu, yoo ati wanta haaraa tokko goote isaaniis ni godhu, yoo siin dorgomuu hin dandeenye wanta sana akka jibbitu si godhu!
➓. Siif waan baay'ee akka ta'an, tola akka oolan sitti himu yookiin si duuba odeessu! Akka ati isaan malee nama biraa hiriyaa godhachuu hin dandeenye godhaniiti yaadu! via fb hiriyaa akkasii irraa of eeggannoo godha waaqa waliin. @segnigudeta
24.1K viewsSanyii Guddataa, edited 15:21