Get Mystery Box with random crypto!

GATIINKEE HANGAMI..? (HOW MUCH YOUR WORTH IS? Abbaatu du'a | Sanyii Guddataa

GATIINKEE HANGAMI..?
(HOW MUCH YOUR WORTH IS?

Abbaatu du'a isaan dura ilma isaan akkas jedha; "Sa'aatiin kun kan akaakayyuunkee naaf kenneedha; innis waggaa 200 ol fixeera. Garuu, ani osoo siif hin kennin dura dukkaana (suuqii) itti sa'aatiin gurguramu deemiitii gatii hangamii akka baasu gaafadhu!" jedheen.

Ilmis deemee dhufee, abbaa isaatiin, " 'Sa'aatichi tureera (dulloomeera)' naan jechuun $5 naaf kennan" jedheen. Abbaanis "Suuqii bunaa deemi gaafadhu!" jedheen. Achis deemee gara isaatti deebi'uun, "Isaan immoo $10 naaf kennan" jechuun itti hime. dhuma irratti abbaan, "Muuziyeema deemii itti agarsiisi!" jedheen. Innis deemee deebi'ee; abbaa isaatiin akkana jedhe, "Sa'aatii umurii heddu lakkoofsiseera. kanaaf $1,000,000 naaf kennan" jedheen.

Abbaanis ilma isaan, "Bakki sirriin haala sirriin gatiikee akka dinqisiifattuufi akka beektun barbaade. bakka dogongoraa of hin kaa'iin! Kan gatii kee beeku kan si dinqisiifatuudha; bakka siif hin madaallee hin turin!" jedhee ilma isaa gorse jedhama.

Moral (Seexaa): Tarii bakka dhaquun nuuf hin malle ykn nun madaalle deemuun, gatii nun madaalleen dhoofsifamnee ta'uu danda'a. Garuu, inni gatii keenya osoo hin taane, balleessaa bakka filachuu dhabuuti. akkan taane madaalamuun sammuu miidha, guddinas quucarsa. Madaallin sirrii hin taane akkasii nu aarsuu danda'a; garuu aaruu irra madaaltuu sirrii kan bakka isaa eeggateen madaala sirreessuudha. Gatii keenya isa sirrii beekuufi bakka sirrii, haala sirriin nu madaalu deemuu qabna.

Right place appreciates your value in right way! Via Ifaa Tasfaa @WABIISG