Get Mystery Box with random crypto!

~ Jecha beektotaa~ 'Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti | Sanyii Guddataa

~ Jecha beektotaa~

"Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu." Shiiv keeraa

"Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay'ata." Shiiv keeraa.

"Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu."M. Gaandii
"
"Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha." N. Maandellaa.

"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari'u; jaalalatu jibba ari'a." Maartiin Luuter Kiingi.

"Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin." Maartiin Luuter Kiingi.

"Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu." Maartiin Luuter Kiingi.

"Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama." Riichaard Niiksoon.

"Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha." Albeert Inestaayin.

"Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu." Albeert Inestaayin.

"Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e." Iyezak niiwtan.

"Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha." Biil Geet.

"Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha." Biil koosbiil

"Kun hundumtuu ta'ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada." Haannaa Firaank.

"Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."Joon F Keenedii.

"Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha." Heelen kiiler.

"Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati." Naappooliyoon Hiil.