2024-04-21 08:16:09
~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a.
#Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. Akkasumatti carraaqqii keenya kan gufachiisuufi kan kuffisuus, humnuma keessa keenya irraa madduudha.
Haatahuu malee, dhiibbaan qaama biroorraa (alarraa) nutti dhufu jireenya keenya miidhuu hin qabu jechuudha. Eeyyeen qulqullina jireenya keenyaa kan murteessu dhiibbaalee gara alaafi keessarraa dhufu kanaani jechuudha.
~ Jireenya keenya bifa bareedaa taheen ijaaruuf waggoota dheeraa nutti fudhachuus danda'a nutti fudhachuu dhabuus danda'a. Garuu jireenya ijaaruu caalaa balleessuun baay'ee salphaadha. Carraaqqii waggoota baay'eef godhame obsa dhabuun sekondii tokkoo nu jalaa balleessuu danda'a. Haatahuu malee, jireenya keenya goonkuma kaka'umsaafi miira qofaan sochoosuuf yaaluunn nurra jiraachuu hin qabnu. Yaada yaadamee tokko irratti kaka'umsa akka humna tokkootti fayyadamuun gaariidha, garuu yaada yaadame sana gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuun immoo baay'ee murteessaadha.
~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi.
Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!! ︎
@Oromoo_inspire
8.0K views05:16