Get Mystery Box with random crypto!

Yeroo namaa irratti hin qoosin Sin jaaladha. jireenyi kiyyaa | Sinqii baraa

Yeroo namaa irratti hin qoosin

Sin jaaladha. jireenyi kiyyaa siin ala duwwaadha. siif jedhee lubbuu kiyya nan kenna. lubbuu tiyya, tiruu tiyya, kalee tiyya, somba tiyya jechuudhan yeroo namaarratti hin taphatin/Qoosin. Goota Afaanin haasa'u osoo hin taane, Goota gochaan agarsiisu ta'i. Namni jaalala dhugaatin qabame gochaan agarsiisa malee hin haasa'u. Jaalatanii dhabuun akkuma beektu dhukkubbii qabdii. ittumaayyuu nama onneerraa jaalatan dhabuun immoo baay'ee nama dhukkubdi waan ta'eef yoo jaalachuu hin dandeenye dhiisi onnee sobaatin nama hin miidhin. Ykn immoo sakondii muraasaf iddoo nama sanaa bu'iitii maaltu akka sitti dhagahamu ilaali. yeroo san dhukkubbii jaalalaa ni hubatta.

jireenya jaalalaan Guuttamte isiniif hawweera
@oro_motivate
Daawwitii Milkaa'inaa