Get Mystery Box with random crypto!

Abdii hin kutin Dhiiroo abdii hin kutin jabaadhu, Yoomillee | Sinqii baraa

Abdii hin kutin

Dhiiroo abdii hin
kutin jabaadhu,
Yoomillee taanaan
kaayyoo qabaadhu.
~~~
Akkamiin abdii kuttaa?
imaanaa warra kee baattee
of jijjiiruu hin dadhabduu
bar oliif gadii kaattee.
~~~
Abdii kutuun wanta
siif hin malle,
Icciitin jireenyaa bar
siif hin galle
~~~
Hin dhiphatin bashannanii
jiraadhu umurii kee guutuu,
Boru hin gaabbitu umuriin
kee dhumee yoo duutuu.
~~~
Uuman keetis siif jira
inni hunda siif caalu,
Harka siqaba bar ati
kuftee inni yoo si laalu
~~~
Hunda dursee isa
bar kan sitti aanu,
Inni si Gammachiisa
namni yoo si dhaanu.
~~~
Hin dhiphatin goota
koo si'i abdiin boruu,
ijjii isaa haa jaamu
isa sitti moruu.
~~~
Caarraa kee hin dhabdu
barattee dhiistee,
uuman kee siif kenninaan
nii nyaatta ciistee.
=//=

Halkan ajaa'ibaa isiniif hawweerra
@oro_motivate
Daawwitii milkaa'inaa