Get Mystery Box with random crypto!

Abdii kutuu keen dura barreeffama kana dubbisi Biliyeena bee | Sinqii baraa

Abdii kutuu keen dura barreeffama kana dubbisi

Biliyeena beekkamaadha. Namoota 100,000 ol qacaree hojjisiisa. Awuropa keessatti warsha qorichaa beekkamaan kan isaati. Biyya Garman keessatti biliyeenara tokkoffaadha. Akka addunyaatti Dhaabbata 120 qaba. Akka tasa ta'ee yeruma tokkoon kisaara cimaan isa quunname. Innis kisaaraa koo kana taa'ee ilaalurra ija namaa jalaa sokkuu wayya kan jedhu sodaan keessa isaatti uummame. Battaluma san mana jireenya isaatii bahee Baabura saffisaan fiigu jala of buusun lubbuu of dabarse
wanta nama ajaa'ibu inni Du'ee guyyaa sadi booda wantootni isa sodaachisan hunduu sirreeffamuun haalonni mijatee ture. Innii garuu sodaa moo'achuu dadhabee lubbuu of dabarse. Seenaa dhugaa Bara 2008 kufaatii Diinagdee biyya Jarman keessatti uummameedha. Namichi Adolf markel jedhama.

wanta baay'ee sodaachuu dandeessa. Qabxiin koo gadi bu'e namni maal naan jedha jettee ofitti gadduun abdii kutuu dandeessa. Abdii kutuu keen dura mee uumaa kee yaadadhuu bar inni gatee sin gatu, tasumallee sin dagatu. Uumaa kee jechuun isa abdattee raftee qilleensa ati hargantu kan balbala jalaan siif galchuudha. Uuman kee wanta dabarsee si kennu seetaa? sitti hin fakkaatin. Dhiiroo Wanti hunduu sababaafi. Daandin milkaa'inaa immoo kumaatama.

pls hiriyaa keef share godhi
@oro_motivate
Daawwitii Milkaa'inaa