Get Mystery Box with random crypto!

Weellisaa Sa'ad Awwal dabalatee namoonni dhibba lamaa ol, God | OMN-OROMIA MEDIA NETWORK OFFICIAL

Weellisaa Sa'ad Awwal dabalatee namoonni dhibba lamaa ol, Godina Addaa Saba Oromoo Wallootti erga hidhamanii waggaa lama caalus hanga yoonaa murtii tokko malee dararamaa jiru jedhu maatiin.
===============================================

Yeroo adda addaaf mana murtii godinichaatti dhihaatanis, poolisiin himata isaanirratti baneef ragaa dhiheeffachuu hin dandeenye jedhu maddeen.

Hidhaan isaanirratti raawwatamaa jiru hidhaa siyaasaatii kan jettu miseensi maatii aartistichaa, murtee siyaasaa mootummaa naannoo Amaaraatiin hidhamanii jiraachuu himti.

Dhimma isaanii ilalachisanii dhaabbilee haqaafi mirga namoomaaf iyyatanis hanga yoonaa deebiin quubsaa akka hin argamin himtee, uummatni bal'aan sagalee akka ta'uuf gaafatteetti.