Get Mystery Box with random crypto!

''''''''’'''''       ''''''''''''''''''''        '''''''''''' | ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪

''''''''’'''''       ''''''''''''''''''''        ''''''''''''''''           '''''''''''''
Ajab damma koo
damma daamu kiyya
Suma barbaachaaf
garaan koo na iyya

Anaan na jaalattee
dhiira meeqa diddee
kan kee na taasiste
Gammachuutti na fiddee

anis eenyuufuu tolen jedhu
siin alas waa tokkon fedhu

Sumaaf na dhiittata
onneen ciisa didee
maafan rafa jedha
dubbii natti fidee

ati kan koo qofa si
taasifadheera giiftii
yoo akkas ta'e qalbiin
kan koo na ciistii

Adda taasiseen si ilaala
hundumaa si caalchisee
Naaf hubadhuu jedheen onnee
kan koo si dhaalchisee

Garaan koo suma yaada
na dideera bar nyaata
Qalbiis ta'ee Onneenis
Kunoo Suma baata.

Jaalalan siif qabu
Barreessee hin fixu
Ati amala addaa qabda
eenyumtuu sin gituu

Baay'en si jaaladha an
yooman si Quufaa?
Daqiiqaa Daqiiqaatti  qalbiin
koo sibira na dhufa!

Qabeenyi koo suma innii
onnees ta'ee kan baankii
homtuu gargar nun baasuu
Osuma ta'ee taankii


:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa