Get Mystery Box with random crypto!

Deemi deemtettaa ‍ ‍ ‍ Gochaan kee na miidhus keessa koo | ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪

Deemi deemtettaa ‍ ‍ ‍


Gochaan kee na miidhus
keessa koo na muree
Barumsa naaf ta'eera
Kan gadda ta'uuf turee

Qarshii kee hin fedhu
guuttachuuf fedhii garaa
Deemun kee nan miidhu
Eebbifamii beenu karaa

Jedhee sin komadhu
onnee irra na Lootee
Keessa kee wallaalus
irra keen na mootee.

Dirqama koo baheera
Jaalala siif Laadhee
dhama'uu hin barbaadu
Suma duuka kaadhee

Si yaadaan jiraadhu
Gaabbin of nyaadhee
Tasaa sittin aaru
mataa sitti baadhee

Nagaatti nagaatti
qabaadhu yeroo gaarii
Siwaliin hin qabu
anwaa tokko aarii
      
               BY
:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa