Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

Logo saluran telegram jechoota_kakaumsaa1 — JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙 J
Topik dari saluran:
Success
Logo saluran telegram jechoota_kakaumsaa1 — JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙
Topik dari saluran:
Success
Alamat saluran: @jechoota_kakaumsaa1
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 28.52K
Deskripsi dari saluran

𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗸𝘂𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝗼'𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝘁𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

2

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru 2

2024-04-12 21:46:44 Arraba beektotaa irraa "Hireen dhimma carraa osoo hin taane, dhimma filannooti."                (Wiiliyam Jeenings Biraayiin) "Namoonni milkaa'uu barbaadu, garuu namoota milkaa'an ni jibbu."                 (Kaarota Gubbaa) . "Egeree kee tilmaamuuf…
12.5K views18:46
Buka / Bagaimana
2024-04-07 19:07:05 Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha."

Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin."

Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate."

Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u."

Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa."

Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan."

Audrey Hepburn -  "Wanti kamiyyuu ni danda'ama."
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible."

Maya Angelou -  "Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan."

Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte."

Share Galatoomaa

@Jechoota_kakaumsaa1 !
16.3K views16:07
Buka / Bagaimana
2024-04-07 14:58:34 Arraba beektotaa irraa

"Hireen dhimma carraa osoo hin taane, dhimma filannooti."
               (Wiiliyam Jeenings Biraayiin)

"Namoonni milkaa'uu barbaadu, garuu namoota milkaa'an ni jibbu."
                (Kaarota Gubbaa) .

"Egeree kee tilmaamuuf karaan hundarra caalu  eegeree kee uumuudha."
                (Alen Keey)

"Milkaa'inni kan dhufu warra yeroo isaanii harka caalu waan barbaadan irratti dabarsaniidha."
                (Heenrii Deevid)

"Warra guddaa kufuuf ija jabaatan qofatu milkaa'ina guddaa argachuu danda'a."
                (Roobert F. Keeneedii)

"Warri jajjaboon kufanii ka'an, warri dadhabaan garuu gadi hafu."
                 (Toomaas Woolfii)

"Mo'achuuf osoo namni biraa sitti hin amanne ofitti amanuu qabda."
                 (Sukkaara Reey Roobinsan)

"Karoora jireenyaa mataa keetii yoo hin tolchine karoora namoota biroo keessa jiraachuun siif hiree ta'a."
                  (Jim Roon) jedhamu.

"Foormulaa milkaa'ina siif kennuu hin danda'u. Garuu foormulaa kufaatii siif kennuu nan danda'a. Sun nama hunda gammachiisuuf yaaluudha."
                (Haarbart Swoop)

"Sooressa ta'uuf maallaqa argachuu qofa osoo hin taane, maallaqa qabdu akkamitti akka qusattu beekuu qabda."
                (Beeniyaamin Firaankiliin)

"Jireenya salphaa ta'eef hin kadhatin. Haa ta'u malee, jireenya ulfaataa kana fudhachuuf humna qabaachuuf cimsitee kadhadhu."
       (Bruusii Lii)

Share Galatoomaa

@Jechoota_kakaumsaa1 !
11.4K viewsedited  11:58
Buka / Bagaimana
2024-04-06 11:35:08 MOO'ATAA TA'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.

❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.

❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.

❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.

❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.

❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.

❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.

❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.

❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.

❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.

❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.

Share Galatoomaa

@Jechoota_kakaumsaa1 !
10.3K viewsedited  08:35
Buka / Bagaimana
2024-04-05 03:57:19 Dargaggeessa ta'uun gaariidha. Yoo yoo qarshii dhabde fayyaa qabda. Bifa yoo dhabde sammuu qabda. Beekumsa dhabdus of tuuluu ni qabaatta. Jaalala yoo qabaachuu baatte abdii ni qabaatta. Gammachuu yoo dhabde aarii qabda. Yoo dhiphinni sitti baay'ate warraaqsa jalqabda. Namni si beeku yoo jiraatellee dargaggeessa waan taateef seenaa salphaa ni qabaatta.

Share Galatoomaa

@Jechoota_kakaumsaa1 !
8.4K views00:57
Buka / Bagaimana