Get Mystery Box with random crypto!

Barsiisaa Tokkotu barattoota isaa keessaa barattoota shan fila | JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

Barsiisaa Tokkotu barattoota isaa keessaa barattoota shan filachuun Agarsiistuu /Maxaantirii/ Haalluu adda addaa argisiisuu laatefi. Sana booda gabatee gurraacha fuuldura isaanii jiru haalluu isaan arga hunda irraa adda ta'e dibee "haalluu akkamiituu sinitti mul'ata?" jechuun gaafate. Hundi isaanituu wanta itti mul'atu halluu adda addaa deebisaniif. Barattoota taa'anii ilaalaa turanitti garagaluun "ijoollen kun akkamitti walii galuu danda'u?" jechuun gaafate. Namoonni muuraasni yaalanis sirrii miti jedhaman xumura irratti mucaan tokko harka ishee baastee akkas jettee deebiste. "Dhuunfaa dhuunfaan wanti isaan arganiifi deebisan. Garuu deebii wal-tawaa argachuuf marti isaaniyyuu agarsiistuu isaanii baafachuu qabu" jette.

Dhugaadha nutihoo maal ilaalaa jirra? kan dhuunfaa keenyatimoo kan hawaasa keenyati. Caluma jennee lafaa ka'uun anatu siif beeka jechuun dura nama sana beekuun ni dursaatii kopheen ani keessa dhaabbadhe keessa dhaabbattee yoo hin ilaalin wantan ani argu arguu hin dandeessu.

🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』
☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎
                🗨️             ♂️
ˡⁱᵏᵉ       ʳᵉᵃᶜᵗ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ     ˢʰᵃʳᵉ