Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA HAYYOOTA --------- @Jechoota_kakaumsa | JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

JECHOOTA HAYYOOTA

--------- @Jechoota_kakaumsaa1 --------------

~. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba
dhugaa fakkeessa. (South African)
~Namni akka itti jiraatu beeku,
beekumsa ga'aa qaba. (Swedish)
~Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma
nama harkaa baatu balali'uu eegalti.
(Saudi Arabia)
~Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa
baradhu, waa'ee Birbirsaa immoo
Birbirsa irraa baradhu. (Zen)
~Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa
tokkoof yoo dagatte, inni immoo
guyyaa lamaaf si dagata.(Chinese)
~Yoo manni kee laga qarqara ta'e,
naacha fira godhadhu. (Indian)
~. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture jedhu;ykn immoo ni ariifate
jedhu. (Engliz)
~ Nama Giriikii tokko erga harka
fuutee booda,quboota kee
lakkaawwadhu. (Albanian)
~. Keessummummaa ganda harree
dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin.
(Jamaican)
~. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu,
waan inni baqatu seeti. (Japanese)
~. Jabanaan kee inni haaraan akka
bishaan baatu hanga
mirkaneeffattutti, isa moofaa hin
gatiin.Swedish)



--Dubistee utuu hin xuqiin hin darbiin share
---------
🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』
☛ @Jechoota_kakaumsaa1  ☜︎