Get Mystery Box with random crypto!

Seeroota warqee(Top 15 Golden Rule) hariiroo nama walinni ilaa | JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

Seeroota warqee(Top 15 Golden Rule) hariiroo nama walinni ilaalchisee hubachu qabdu:
*
1.Dhaggeeffataa cimaa ta’i(Be an active listener):-
•Deebii kennuu dura ilaalcha nama biraa dhugaadhaan dhaga’uun hubachuu qabdu
2.Amanamummaa fi iftoomina qabaachuu(Be honest and transparent) :-
•Amanamummaan wal amantaa uumuu fi hariiroon cimsa deemuudha.
3.Gaarummaa fi kabajaan dubbadhu(Speak with kindness and respect):
•Jechoonni nutti fayyadamuun ol kaasuu ykn diiguu waan danda’aniif ogummaadhaan filadhu dubbadhu.
4.Tilmaama hin godhin(Don't make assumptions):-
•yeroo hunda gaaffii gaafachuu fi hubannoo dogoggoraa akka hin uumamneef ibsa barbaaduun qalbeeffachu.
5.Haasawa tokko tokkoon taasifamuuf yeroo rammadi(Set aside time for one-on-one conversations):
•Hariiroo gadi fageessuuf yeroon qulqullina qabu barbaachisaa dha.
6.Galata ibsuu(Express gratitude):
•Amala gaarii fi gocha nama biraa dinqisiifachuu fi beekamtii kennuu dubbii walinni keessatti murteessadha.
7.Garaadhaan dhiifama gaafadhu(Apologize sincerely):
•Dogoggora kee irratti abbummaa fudhadhuu sirreessii sanan boodaa laphee irraa dhifamma godhi.
8.Garaa laafina agarsiisi(Show empathy):
•bakka nama biraa of kaa’iitii miira isaa hubachuuf yaali malee hinmudaminni.
9. Komachuu fi salphisuu irraa fagaachuu(Avoid blaming and shaming): •komachuu bayyisuu dhiistee furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffadhu.
10.Yeroo hundaa jechaa "ati" jedhu dhiistee "ani" jedhu fayyadamuu(Use "I" statements instead of "you" statements):
kana jechuun Miiraa fi yaada keetiif itti gaafatamummaa fudhacha deemu qabda.
11.Yeroo barbaachisaa ta'etti boqonnaa fudhadhu(Take breaks when needed): •Yeroo miirrii ol ka'u duubatti deebi'anii wal hubacha deemuun murteessadha.
12.Sammuu banaa(Be open-minded): •yaada garaa garaa dhaggeeffachuu fi ilaalcha biroo gaarii ummachuun Wal hubachuuf Sammuu banaa qabachu.
13.Waadaa hordofuu(Follow through on commitments):
Amanamummaan amantaa kan ijaaruu fi kutannoo agarsiisa.

14.Jireenya nama biraatiif fedhii agarsiisuu(Show interest in the other person's life):
•waa’ee hojii bohaartii,fedhii fi hawwii isaanii gaafadhu.
15. Obsaa(Be patient):
•Hariiroo cimaa ijaaruun yeroo fi carraaqqii gaafata,garuu ammoo bu'aan isaa gatii guddaa qaba.

Share Galatoomaa

@Jechoota_kakaumsaa1 !