Get Mystery Box with random crypto!

Daandii Jireenyaa

Logo saluran telegram dandijirenya — Daandii Jireenyaa D
Logo saluran telegram dandijirenya — Daandii Jireenyaa
Alamat saluran: @dandijirenya
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 909
Deskripsi dari saluran

Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha.
Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa.
@m21harmekoo

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

1

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2023-05-14 09:25:20 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

ክርስቶስ ተንሥዓ ------ በአማን ተንሥዓ

Yoo Na Jaal’attan Abboommii Koo Eega Yoh 14:15
Seerota Waaqayyo

Kutaa 19
Qormaata Ejjaa Akkamitti Mo’achuu Dandeenya?

Kutaa 18ffaa irraa kan itti fufedha.

4. Qabsuura Abbootii Dubbisuu
Qabsuurri abbootii wangeela irratti kan barreffame raawwatamee bakka itti argannudha. Dhuguma seeronni Gooftaan keenya nuuf kenne hunduu kan raawwataman akka ta’an qabsuuronni kun dhugaa ba’u.Abbootni keenya akkuma keenya nama waan ta’aniif yeroo adda addaatti ejjaan qoramaa akkasumas karaa namoota afferraan ejjaa isaan dhiyaachaa ture (Yoseef).

Ogummaa isaan ittiin qorumsoota akkasii mo’atan yeroo ilaallu nutis akkuma isaanii taasisu, taasisuu yoo dadhabne immoo maqaa isaaniin yoo kadhanne fedhiiwwaan ejjaa mo’achuu dandeenya.

Abbootii kana keessa muraasa haa ilaallu.

1. Simi’oon Isa Kophee Hodhu
Dubartiin tokko iji isaa itti bareeduun ejjaaf yeroo isaa gaafattu, lilmoo itti kophee hodhuun ijasaa dhangalaseera. Ishee illee jijjiireera. Gooftaan keenya iji kee mirgaa yoo si dogongorse of keessa baasi gati, kan jedhu kallattiin haala kanaan jireenya abbootii keessatti raawwatameera.

2. Muusee Tsaallim
Abbaan kun dursee jireenya ejjaan jiraachaa ture. booda garuu gaabbii galee qajeelummaa fi qabsuura guddaan jiraachaa ture. Gadaamii keessatti hafuuronni ejjaa yeroo isa qoraa turanitti kadhannaan cimee mo’ateera.

3. Abbaa Mertiyaanos
Dubartiin tokko isa dogongorsiisuuf keessummaa fakkaattee halkan dhuftee ejjaan isa kuffisuuf shittoo nama isa keessa biifu eegalte. Urgaa shittoo isheen cubbuu raawwachuu irraa miil’a isaa ibidda irraa kaa’ee gubuun foolii manichaa jijjiireera. Isheenis Kanaan gaabbii galtee jireenya gadaamii eegaltetti.

4. Efrem isa sooriyaa
Dubartiin tokko karaa bakka namni hin jirre irratti isa eegdee ejjaf isa gaafatte. Innis ana waliin kottu jedhe. Gara magaalaatti ishee geessee, “jedhi amma asitti fedhii ati barbaadde haa raawwannu” jedhe. Isheenis, “akkamitti namoota kana keessatti ejja raawwanna?” jette. Innis deebisee “nama amma kanaatti yoo sodaanne, lubbuu keenya ibidda gahannamaatti gubuu kan danda’u Waaqayyoon immoo akkam haa sodaannu” jedhe.

Waluma galatti kakuu haaraa keessatti hawwiin ejjaa, akka raawwiitti waan lakkaa’amuf kana beeknee qaama fi yaada keenya cubbuu kanarra akka eeggannu kitaabni qulqulluun bal’inaan nu barsiisa.

Seera Wangeelaa Kan 3ffaa
Haadha Manaa Kee Sababa Ejjaa Malee Hin Hiikin (Mat 5:32)

Kutaan 20ffaan itti fufna.
Galatni Waaqayyoof
88 viewsMotuma, 06:25
Buka / Bagaimana
2023-05-14 09:25:12
87 viewsMotuma, 06:25
Buka / Bagaimana
2023-05-10 11:30:42 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee - Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda - nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Sagalee Waaqayyoo kan isinitti himan abboota keessan yaadadha; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin isaan fakkaadha. Ibr 13:7
Abbootiin keenya Dubroo Haala Kanaan Galateeffatan

Jireenya isaanii guutuu qulqullummaan Waaqayyoo waliin sooma fi kadhannaan kan jiraatan abaaboon mana kiristaanaa qulqulloonni abbootni keenya Dubroo Maariyaam haala kanaan galateeffatan.

"Warreen isatti amananiif Gooftaa ifa jireenyaa kennu kan nuuf argamsiiste, yaa ayyaana qabeettii galanni fi ulfinni siif haa ta’u. Qote bulaan osoo hin qotiin lafittiin firii argamsiiste sidhahoo gammadi.” Q. Gorgooriyoos Abbaa Raajii

“Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa, haadha ifaa waan taatef ulfinaan si galateeffanna. Kan eebbifamte, Yaa durboo Maariyaam ati ergamoota samii ni caalta, ijoollee Addaam hundumaas ni caalta. Uumama hundumaa ni caalta, kan si fakkaatu hin jiru ulfinna kee dubbachuu kan danda’u eenyuudha?” Q. Efreem Isa Sooriyaa

"Jechi Waaqayyoo foonis lubbuus sirraa fudhatee nama kan ta’e mushurraan diinqa keessa akkuma ba’u si keessa kan ba’e yaa Dubroo gammadi. Hoolicha isa bade barbaaduuf kan dhufe yeroo argates gatittii isaa irratti kan baate tikseen inni dhugaa sun sirraa kan dhalate yaa Dubroo gammadi. Si’olitti Waaqayyo kan ishee gate, abaarsi Hewaan siin kan bade yaa Dubroo gammadi.” Q. Yohaannis Afaanwarqee

"Mootichi du’a keenya falmuun gadameessa inni keessa bule akkam nama ajaa’iba! Waaqayyo amalummaasaan otuu hin jijjiiramiin kan irraa dhalate gadameessi isa baatte akkam kan qulqullooftedha!“ Q. Pirookiliyos

Eebbi Dubroo fi qulqulloota abbootii keenyaa nurra haa bulu.
Daandii Jireenyaa
Galatni Waaqayyoof
213 viewsMotuma, 08:30
Buka / Bagaimana
2023-05-10 11:30:35
176 viewsMotuma, 08:30
Buka / Bagaimana
2023-05-09 06:55:33 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Hidda Iseey irraa latiin ni baati. Abaaboonis ishee irraa ni ba’a." Isa 11:1
Baga Ayyaana Dhaloota Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Isin Gahe.

Yaa Dubroo Dhaloonni Kee Dhaloota Keenyadha.

Dubbii fayyina keenyaa gara dudduubaatti yeroo ilaallu dhaloota Dubroo Maariyaam irraa eegalla. Hewan haati keenya abboommii Waaqayyo cabsitee firee mukittii erga kutteen booda dhalli namaa abaaramee dukkana keessa jiraacha ture. dukkana kana kan ibsu Kiristoos gara biyya lafaatti dhufuu isaan waggoota 15 dursee Dubroon abaarsi Addaamii fi Hewaan ishee hin qaqqabiin tulluu Libaanos irratti dhalatte.

Seenaa dhalootaDubroo Maariyaam gara duddubaatti deebinee gabaabinaan kaasuuf yaallerra.

Pdf armaan gadii irraa akka dubbisuun ni danda’ama

Eebbifi Kadhannaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nuuf haa baay’atu Amen
484 viewsMotuma, edited  03:55
Buka / Bagaimana
2023-05-09 06:55:15
364 viewsMotuma, 03:55
Buka / Bagaimana
2023-05-08 06:30:02
233 viewsMotuma, 03:30
Buka / Bagaimana
2023-05-07 13:09:08 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

“Garuu nan jedha afuuraan deddeebi’a. hawwii foonii tasuma hin raawwatiina. fedhiin foonii hafuuraan ni morma. Hafuurris fooniin ni morma. Isaan walii walii isaanii wal mormu. Kanaafuu waan barbaaddan akka raawwanneef wal mormu. Hafuuraan yoo geggeffamtan garuu seericha jala hin jirtan. Hojiin foonii ifaadha. Isaaniis ejja, halalummaa, xuraa’ummaa, wal qoqqodinsa, xaa’otii waaqessu, jibba, mormii, hinaaffii, dheekkamsa, shakkummaa, ejjeesuu, machaa’uu, sirbuu, kanneen kana fakkaatanidha. Dursee akkuman jedhe iaan kana kanneen raawwatan mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.

Firiiwwaan hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nageenya, obsa, arjummaa, gaarummaa, garramummaa, amantii fi mataa ofii bituudha. … afuuran yoo jiraanne afuuraan deddeebina. Egaa walii walii keenyaan wal irratti ka’uun walitti hinaaffuu, waan hin jirreen of jajuu haa dhiisnu.” Galaatiyaa 5: 16-26


Galanni Waaqayyof!
565 viewsMotuma, 10:09
Buka / Bagaimana
2023-05-02 21:31:51 Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Gosoota Du’aa Ka’umsaa
Kutaa 2ffaa

2. Du’a Foonii Fi Ka’umsa Foonii Yeroo Dhufaatii Gooftaa

Waaqayyo dhala namaa kan hin duune taasisee uume, du’a kana kan fide dhala namaadha. Gooftaan keenyas du’a kana du’ee ka’uusatin nutis akka kaanu taasisera. Raajiichi Daani’el “garaa lafaa keessa kan rafan ni ka’u, walakkaan jireenya bara baraaf, walakkaan yeelloo jibbisiisaa bara baraaf ni ka’u ”, (Dan 12:2) jechuun dhugaa baheera.

Kun kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi’ee dhufu yoo ta’u yeroo kanas Qulqulloota warreen ka’umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta’an (du’aa ka’umsa isa kutaa 1ffaa jalatti ilaalle kanneen hin ka’in) irratti immoo ni murteessa. Du’aa ka’umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du’a isa lammaffaa kan du’an yoo ta’u kunis du’a bara baraati. Warreen Du’aa ka’uu isa jalqabaa argatan garuu Qulqulloota waliin gara jireenya bara baraatti seenu.

Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriistoos Du’aa ka’uu isaatiin namni du’ee awwaalamee kan hin hafne, du’aa ka’ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta’uu isaa nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du’a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka’uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 “Yeroon warreen du’anii awwaalaman hundi sagalee Isaa itti dhaga’an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf ni ka’u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka’u.” akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate qabannee, hojii gaarii kiristaanummaan cimnee yoo dhaabbanne, bakka boqonnaa bara baraa kan taate dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo taana.

Obbolaawwan koo isin keessa namni mataa isaa jibbu jiraa ? egaa ergaa kana dhagahee kan ittiin hin jiraanne nama mataa isaa jibbu qofadha. Namni mataa isaa jibbu immoo hin jiru. Har’a biyya lafaa kana irratti mataa keenya waan jaal’annuuf, boor foon keenyaan jireenya tolaa jiraachuf jenne hojiin, barumsaan, … bakka adda addaatti faffacaanee jirra. Foon keenya waggaa 70 hin jiraanneef akka kanaa yoo dhamaane, lubbuu keenya bara baraan jiraattuuf immoo ammam hojjechuu qabna ? deebii isa ofumaaf haa deebisnu.

Waaqayyo laphee gaabbii nuuf kennee, sodaa isaan jiraanne, yeroo dhufaatii isaatti carraan keenya qulqulloota waliin akka nuuf taasisu fedha isaa qulqulluu nuuf haa tahu.

Galatni Waaqayyoof
803 viewsMotuma, 18:31
Buka / Bagaimana
2023-05-02 21:31:46
355 viewsMotuma, 18:31
Buka / Bagaimana