Get Mystery Box with random crypto!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen | Daandii Jireenyaa

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

ክርስቶስ ተንሥዓ ------ በአማን ተንሥዓ

Yoo Na Jaal’attan Abboommii Koo Eega Yoh 14:15
Seerota Waaqayyo

Kutaa 19
Qormaata Ejjaa Akkamitti Mo’achuu Dandeenya?

Kutaa 18ffaa irraa kan itti fufedha.

4. Qabsuura Abbootii Dubbisuu
Qabsuurri abbootii wangeela irratti kan barreffame raawwatamee bakka itti argannudha. Dhuguma seeronni Gooftaan keenya nuuf kenne hunduu kan raawwataman akka ta’an qabsuuronni kun dhugaa ba’u.Abbootni keenya akkuma keenya nama waan ta’aniif yeroo adda addaatti ejjaan qoramaa akkasumas karaa namoota afferraan ejjaa isaan dhiyaachaa ture (Yoseef).

Ogummaa isaan ittiin qorumsoota akkasii mo’atan yeroo ilaallu nutis akkuma isaanii taasisu, taasisuu yoo dadhabne immoo maqaa isaaniin yoo kadhanne fedhiiwwaan ejjaa mo’achuu dandeenya.

Abbootii kana keessa muraasa haa ilaallu.

1. Simi’oon Isa Kophee Hodhu
Dubartiin tokko iji isaa itti bareeduun ejjaaf yeroo isaa gaafattu, lilmoo itti kophee hodhuun ijasaa dhangalaseera. Ishee illee jijjiireera. Gooftaan keenya iji kee mirgaa yoo si dogongorse of keessa baasi gati, kan jedhu kallattiin haala kanaan jireenya abbootii keessatti raawwatameera.

2. Muusee Tsaallim
Abbaan kun dursee jireenya ejjaan jiraachaa ture. booda garuu gaabbii galee qajeelummaa fi qabsuura guddaan jiraachaa ture. Gadaamii keessatti hafuuronni ejjaa yeroo isa qoraa turanitti kadhannaan cimee mo’ateera.

3. Abbaa Mertiyaanos
Dubartiin tokko isa dogongorsiisuuf keessummaa fakkaattee halkan dhuftee ejjaan isa kuffisuuf shittoo nama isa keessa biifu eegalte. Urgaa shittoo isheen cubbuu raawwachuu irraa miil’a isaa ibidda irraa kaa’ee gubuun foolii manichaa jijjiireera. Isheenis Kanaan gaabbii galtee jireenya gadaamii eegaltetti.

4. Efrem isa sooriyaa
Dubartiin tokko karaa bakka namni hin jirre irratti isa eegdee ejjaf isa gaafatte. Innis ana waliin kottu jedhe. Gara magaalaatti ishee geessee, “jedhi amma asitti fedhii ati barbaadde haa raawwannu” jedhe. Isheenis, “akkamitti namoota kana keessatti ejja raawwanna?” jette. Innis deebisee “nama amma kanaatti yoo sodaanne, lubbuu keenya ibidda gahannamaatti gubuu kan danda’u Waaqayyoon immoo akkam haa sodaannu” jedhe.

Waluma galatti kakuu haaraa keessatti hawwiin ejjaa, akka raawwiitti waan lakkaa’amuf kana beeknee qaama fi yaada keenya cubbuu kanarra akka eeggannu kitaabni qulqulluun bal’inaan nu barsiisa.

Seera Wangeelaa Kan 3ffaa
Haadha Manaa Kee Sababa Ejjaa Malee Hin Hiikin (Mat 5:32)

Kutaan 20ffaan itti fufna.
Galatni Waaqayyoof