Get Mystery Box with random crypto!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen | Daandii Jireenyaa

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Gosoota Du’aa Ka’umsaa
Kutaa 2ffaa

2. Du’a Foonii Fi Ka’umsa Foonii Yeroo Dhufaatii Gooftaa

Waaqayyo dhala namaa kan hin duune taasisee uume, du’a kana kan fide dhala namaadha. Gooftaan keenyas du’a kana du’ee ka’uusatin nutis akka kaanu taasisera. Raajiichi Daani’el “garaa lafaa keessa kan rafan ni ka’u, walakkaan jireenya bara baraaf, walakkaan yeelloo jibbisiisaa bara baraaf ni ka’u ”, (Dan 12:2) jechuun dhugaa baheera.

Kun kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi’ee dhufu yoo ta’u yeroo kanas Qulqulloota warreen ka’umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta’an (du’aa ka’umsa isa kutaa 1ffaa jalatti ilaalle kanneen hin ka’in) irratti immoo ni murteessa. Du’aa ka’umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du’a isa lammaffaa kan du’an yoo ta’u kunis du’a bara baraati. Warreen Du’aa ka’uu isa jalqabaa argatan garuu Qulqulloota waliin gara jireenya bara baraatti seenu.

Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriistoos Du’aa ka’uu isaatiin namni du’ee awwaalamee kan hin hafne, du’aa ka’ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta’uu isaa nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du’a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka’uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 “Yeroon warreen du’anii awwaalaman hundi sagalee Isaa itti dhaga’an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf ni ka’u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka’u.” akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate qabannee, hojii gaarii kiristaanummaan cimnee yoo dhaabbanne, bakka boqonnaa bara baraa kan taate dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo taana.

Obbolaawwan koo isin keessa namni mataa isaa jibbu jiraa ? egaa ergaa kana dhagahee kan ittiin hin jiraanne nama mataa isaa jibbu qofadha. Namni mataa isaa jibbu immoo hin jiru. Har’a biyya lafaa kana irratti mataa keenya waan jaal’annuuf, boor foon keenyaan jireenya tolaa jiraachuf jenne hojiin, barumsaan, … bakka adda addaatti faffacaanee jirra. Foon keenya waggaa 70 hin jiraanneef akka kanaa yoo dhamaane, lubbuu keenya bara baraan jiraattuuf immoo ammam hojjechuu qabna ? deebii isa ofumaaf haa deebisnu.

Waaqayyo laphee gaabbii nuuf kennee, sodaa isaan jiraanne, yeroo dhufaatii isaatti carraan keenya qulqulloota waliin akka nuuf taasisu fedha isaa qulqulluu nuuf haa tahu.

Galatni Waaqayyoof