Get Mystery Box with random crypto!

Mootummaan dargaggoota jaha torbee tokko dura Finfinneetti abb | OMN-OROMIA MEDIA NETWORK OFFICIAL

Mootummaan dargaggoota jaha torbee tokko dura Finfinneetti abbootiin qabeenyaa hojii keenyarraa nu buqqisan jedhanii Miidiyaatti himatan hidhe.

Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 04 bakka Alam-baankii jedhamutti maaykiroo intarpraayiziin gurmaayan mootummaan iddoo hojii nuu kennee osoo hojii hojjetaa jirruu sababa eenyummaa keenyaaf qofa abbootiin qabeenyaa poolisii maallaqaan bituun lafa keenyarraa nu buqqisaa jiru jechuun OMN’tti himanii turan.

Dargaggoonni kunneen Waldaa Maayikiroo fi Xixiqqaa Tolasaa Ibsaa fi Hiriyoota isaa jedhamuun ijaaramanii tajaajila irratti bobba’an beekkamtii waajjira IMX fi waajjirri bulchiinsa aanaa malee Abbaan qabeenyaa lafa hojii keenyarraa nu buqqisaa jira jedhan.

Waldaan dargaggoota kanneenii kun bara 2012 A.L.I kaasee heyyama argachuun gurmaayee tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u gibira kaffalaa turuus ragaan waldichaa ni agarsiisa.

Yeroo ammaa miseensonni waldaa kanaa Finfinnee keessatti sababa miidiyaan rakkina isaanii gabaasee qofaaf hidhamanii jiru. Dargaggoonni Kunneen naannawa Alam Baank aanaa 06tti hidhaman.

Mana murtiittis hin dhiyaanne. Abbaan qabeenyaa isaan buqqise meeshaa isaanii keessaa alatti guuree manicha birrii 59,000 kireesse jedhu maddeen.

Yeroo garaagaraatti abbootiin qabeenyaa bifa kanaan dargaggoota Oromoo lafaa fi hojiirraa irraa buqqisuun Finfinnee keessatti baramaa dhufe jedhu.