Get Mystery Box with random crypto!

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo kutaalee lallaba Or | OMN-OROMIA MEDIA NETWORK OFFICIAL

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo kutaalee lallaba Oromiyaa lixaa adda addaa, yaa'iin Sinoodoosii Ortodoksii Itoophiyaa amma geggeeffamaa jiru, phaaphaasota Sinoodoosiin Oromiyaa, sabootaa fi sablammootaa kana dura muude ni mirkaneessa jennee abdanna jedhan.

Muuxannoo kana dura tureen sinoodosichi gaaffiifi rakkoo amantoota Oromoo akkasumas sabaafi sablammootaa irratti osoo hin taane, fedhiifi olaantummaa garee tokkichaatiif hojjechaa ture kan jedhan namoonni yaada kennan, yaa'iin baranaa gaaffii amantootaa deebisuu yoo baate rakkoon caalu bataskaanattii mudachuu mala jedhu.

Phaaphaasotni kana dura sinoodoosii Oromiyaa fi sabootaatiin muudaman, bu'ura waliigaltee araaraa Sinoodoosii buleessaa fi haaraa yeroo sana tureetiin, muudamni isaanii akka mirkanaa'us amantoonni kunniin gaafataniiru.

Sinoodoosiin bataskaana Ortodoksii tawaahidoo Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa taasisaa jiruun, gaaffii uummata bal'aa ni deebisa jennee eegna jedhu hordoftoonni amantichaa.

Murtee phaaphaasotni Oromoo sadan ji'oota dura dabarsaniin, abbootiin amantaa 25 kan muudaman yoo ta’u, yaa'ii sinoodosii Caamsaa kanarratti muudamni Abboota kanneenii akka mirkanaa'u waliigalamee turuu kan yaadachiisan hordoftoonni amantaa Ortodoksii tawaahidoo kutaalee Lallaba Oromiyaa adda addaa, gurri keenya oduu gaarii akkasii dhaga'uuf eegaa jira jedhan.

Sinoodoosicha keessatti gareen ijaaramee olaantummaa eenyummaa tokkoof hojjetu, gaaffii sabaafi sablammootaa ukkaamsuuf yaaluu mala sodaa jedhu qabaannus tokkummaa mana amantichaaf garuu gaaffii uummataa deebisuutu fala jedhan.

Sinoodoosichi muudama phaaphaasota sabaafi sablammii kana duraa yoo mirkaneessuu baates, akkaataa seeraafi qannoonaa amantichaatiin muudamni al tokko raawwatame jijjiiramuu waan hin danda'amnee fi tarkaanfiin fudhatame bu’uura gaaffii uummataa waan qabuuf amantoonni jalqabumarraa fudhatanii jiru jedhu.

Seensa yaa’ii sinoodosii ammaa kanaratti Paatriyaarkiin bataskaana ortodoksi tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas gaaffii Oromiyaarraa ka’u sirrii fi deebii kan barbaadu jechuun isaanii ni yaadatama.