Get Mystery Box with random crypto!

. GOSOOTA JAALALAA    TYPES OF LOVE   Jaalalli a | ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪

.

GOSOOTA JAALALAA
   TYPES OF LOVE



  Jaalalli araada (suusidha). Kanaaf guutuu ta'ee hin argamne. Jaalalli si'eessssituu mataa isaa qaba. Ishiin ammuma itti baay'attu fi keessa hir'attu amala jaalalaa jijjiirti. Jaalalli yoo xiqqaate miira, walitti dhiyeenya fi iftoomina walii qabaachuu gaafata. Jaalalli gosuma tokko kan qabu ta'uyyuu haala namaatin gargar hiramuu danda'a.

Jaalala obbolummaa/Affectionate Love

Jaalalli gosa kanaa waliin jireenya fi walitti dhiyeenya irraa madda. Kabaja walii qabaachutu mul'ata. Jaalala hiriyummaati. Darbee gara jaalala biraattis guddachuuf carraa qaba.

Jaalala Ho'aa/Romantic Love

Namoonni gosa jaalala kanaan kufan boca qaama ilaalaniiti. Haala deemichaa, dhaabbii qaamaa, hawwannaa qaama ishii/isaa ilaalanii jaalalatti seenu. Warri jaalala gosa kanaa keessa seenan ulagaalee kan akka sabummaa, amanti fi kan kana fakkaatu dhimma isaanii miti. Boca/shape waan ta'eef namni biraa akka ilaalu hin fedhan. Inaaffan kan guuttamaniidha. Wal dhoksuu barbaadu. Osoo danda'amee wal liqimsanii yeroo ofii barbaadan qofa dirreetti wal baasuu barbaadu.

Jaalala Miiraa/ Passionate Love

Warri jaalala kanaan qabaman warra miiran hogganamaniidha.  Garuu kan turu amma miirri sun qorrutti fi walqunnamtii saalaa jalqabaa booda laafaa deemuu danda'a. Sirumaayyuu yoo ture jibbisiisadha.

Jaalala Fakkaataa/Logical Love

Jaalala karooran gaggeeffamuudha. Irra caalatti ishiif inni wantoota wal fakkaatu qabaachuu qabu. Umurii, hojii, saba, amantaa fi kan kana fakkatan kan ilaalcha keessa galaniidha. Mi'aa baay'ee qabaachuu baatus hin nuffisiisu. Wanti bitaa namatti galu muraasa.

Jaalala sababaa/Casual Love

Jaalala dhimmi yookin rakkoon wayii walitti isaan fideen uumamuudha. Warra rakkoo, iccitii walii walitti himaniidha. Akka oolmatti hin lakka'amu.

Jaalala Gowwaa/Foolish Love

Waanuma xiqqoo arguudhan warra jaalalaan kufaniidha. Suura isaa/ishii qofa arguudhan, barreeffama qofa yookin sagalee qofa dhaga'uudhan warra jaalalatti seenaniidha. Kan karaa feesbuukii taasifamu fakkeenya gaarii kanaaf ta'uu danda'a.

Jaalala Tarkaanfataa/Possessive Love

Jaalala beekkamtiidhaf taasifamuudha. Nama sirritti beekkamu kan ofii godhachuu kan jibbu hin jiru. Jaalallee nama beekkamaa ta'uuf dhamaatii gaggeeffamuudha. Garuu nama san biratti nu tuffachiisuu hin oolu.

Jaalala Oolmaa/UnSelfish Love

Warri jaalala kanatti seenan warra rakkoo yookin miidhaa wayii irraa nu baraare tokkoof tole jechuudha. Jaalalli nama sanii nu qabee osoo hin taane oolman inni/ishiin nu oole nutti waan ulfaatuf of dabarsanii laachudha.

Jaalala Taphaa/Game playing

Daa'imti yeroo dhoqqee keessa gangalattee of daallessitu omaa itti hin fakkaatu. Kuni jaalala jedhamuu baatus fedhii ofii ba'uuf kan taasifamuudha. Dheebuu fedhii foonii ba'uuf kan itti seennamuudha. Gosti jaalala kanaa jechoota hawwatoo fi mimi'aawaniin kan guuttaman kan salphaatti onnee baqaqsanii seenaniidha.

Jaalala Duwwaa/Empty Love

Jaalala omaa hin qabneedha. Jaalalli kun waanuma salphaadhan otoo omtuu hin uumamne siifan du'a, siifan maraadhe, si malee jireenyi naaf hin taatu jedhanii sobaan garaa wal guutudha.          

Jaalala Ofittummaa/Selfish Love

Jaalala of jaalannaa irraa madduudha. Amma qabeenyi jirutti qofa kan turuudha. Gaafa waa jiru ho'ee mul'ata. Fayidaa ofii karaa ittiin guutan barbaaduu malee jaalalli hiriyaa keenya baay'ee kan nama dhiphisu miti.

Companion Love

Jaalalli kun hawwii dheeraa kan qabuudha. Irra caalatti kanaaf dubaratu saaxilama. Daftee jaalala ho'aa keessa seenun bultii ijaarrachuudhaf fiigdi. Dhaluudhafis heedduu sardamti. Jaalala ilmoo warra qabaniidha.

Jaalala hanga du'aa/Consummate Love/Enduring

Jaalala umurii dheeraa qabuudha. Jaalala uuma fi uumamni jaalatuudha. Jaalalli dhugaan isa kana. Warraa wal jaalatanii amma du'anitti kan itti fufaniidha. Walqixa jireenya ofii keessatti lachuu kan dhama'an. Warra jaalalan kufan osoo hin taane warra jaalalaan ijaarramaniidha.

:¨·.·¨:  
 `·.  @jireenya_jaalalaa