Get Mystery Box with random crypto!

Done 100% Waaqayyo na gargaaree hojiin yeroo dheeraaf itti | Faarfannaa haaraa

Done 100%
Waaqayyo na gargaaree hojiin yeroo dheeraaf itti dadhabaa ture amma xumureera!

Qofaa ko ba’aa humna koon olii baachaa asiin ga’eera!
Kuni immoo obsaa fi jabina waaqayyo naaf kenneenan hamma kanaa tarkaanfadhe malee, wantoonni mogolee ko buusan hedduu turani!
Isa yeroo biraan haasa’a!

Waan hundumtuu yeroo qaba!
Hojiin kuni afuuraan qofaa miti.
HUMNA NAMAA
BEEKUMSA
YEROO fi BAASII GUDDAA NAMA GAAFATA!
Hamma yoomiitti faarfataa fi faarfannaan bakka isaaf malu dhabee booddee tirata hinaaffaa jedhuunan yeroo fudhadhee itti dadhabaa ture!
Kuni akkuma jirutti;
Erguman xumuree walitti qabadhee jedhee immoo, waa’ee eebba album kootiif jecha namootan qunnamuu qabu baay’ee isaanii qunnameera mariisiseeras!
Garuu guyyaa waaqayyoo eeguun gaariidha!

Walumaa-galatti yeroo gabaabaa gidduutti yoo fedha waaqayyoo ta’e!
#Album guutuu fi #video clip 1 haala qulqullina isaa eeggateen isiniif dhiyeessa!
Kadhannaa keessaniin akka na yaadattan #ADARAA
Galatoomaa!