Get Mystery Box with random crypto!

Jaallatamoo ijoollee gooftaa iddoo hundatti kan argamtan nagaa | Faarfannaa haaraa

Jaallatamoo ijoollee gooftaa iddoo hundatti kan argamtan nagaan isiniif Haa ta'u, kunoo gargaarsa Waaqayyoo isa hammana hin jedhamneen gargaaramee Album koo lakk.2ffaa mata dureen isaa ,"YEEDALOO SAMII " Jedhu qabadhee isin bira gahuuf guyyoota muraasa qofatu na hafa, guutummaa isaa utuun gad isiniif hin dhiisiin immoo clip faarfannaa tokkoo Jimaata dhufu ( torbee har'aa) galgala YouTube kan koo irratti gad isiniif nan dhiisa.
egaa Waaqayyo inni albumn kun akka hojjetamee dhumuuf na gargaare ammas dabalee yoo carraa naaf laate guyyaa tokko wal arginee, iddoo ballaatti yaanee Abdii keenya, mata duree biyyi lafaa fi seexanni dhagahuu jibban isa ta'e deebi'ee dhufuu Ilma Waaqayyoo Yesus Kiristoos faarfannaadhaan akka labsinu shakkii hin qabu !
Ayyaanni isiniif Haa baay'atu!

Kun Immoo Likn YouTube kooti.
https://youtube.com/@biqilaa-kabbadee?si=oCXcoQ92t8moOF81