Get Mystery Box with random crypto!

'Jimaa keessan buqqisaa Bakka buusaa baar-gamoo' Jettanii mirq | Riyaad Raayyaa

"Jimaa keessan buqqisaa
Bakka buusaa baar-gamoo"
Jettanii mirqaanaadhaan
Kan labsitan waan-dhamoo

Madda galii ummataa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaanshee jiiftu

Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbanna?

Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan ummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha

Gaafa al-ergiin dhibee
Qaala’insi jireenyaa~ guutuu biyyaa garafu
Mi’a "Export" ta’ee
Doolaara nuuf sharafu

Faajjii eebbaaf araaraa
Jimaa muka kabajaa
Baar-gamoodhaan jijjiiruu
Sammuu maaliitu ajaja?

Lakkisaa qalbifadhaa
Bilaasha hin dhama'inaa
Warri haraama jettan
Feetan hin qama'inaa

Malee, qe'ee qulqulluu
Cubbuudhaan hin goolinaa
Saba tola nutti ooleef
Hammina hin oolinaa

Kan jaalala nuuf hiran
Gola onnee bananii
Ardaa gootota hedduu
Maaddii quufaaf qananii

Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Maddi galii ummataa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaa dheebuun maaf du’a?

Bakka-n malle tuqanii
Ofitti haadhuudha haasaa
Male innoo dogoggora
Biyya jechuun hawaasaa

Kanaaf.......

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan

Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa

Kanniisa qubatetti
Ofiif cuqqaallaan quba
Volkaanoon riphe dhoo’ee
Laavaansaa suma gubaa

Qabeenyi hawaasa harargee
Wabii saba hundaatii
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii

Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin tuqamuu; hin tuqinaa
Muka nagaaf araaraa!

.... Riyaad Raayyaa tiin!