Get Mystery Box with random crypto!

Riyaad Raayyaa

Logo saluran telegram dhangaa_walaloo — Riyaad Raayyaa R
Logo saluran telegram dhangaa_walaloo — Riyaad Raayyaa
Alamat saluran: @dhangaa_walaloo
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 5.59K
Deskripsi dari saluran

@riyaadraayyaa
Dabalatas lakk bilb;- 0937178516
Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c

Ratings & Reviews

4.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru

2023-05-19 02:10:07 "Jimaa keessan buqqisaa
Bakka buusaa baar-gamoo"
Jettanii mirqaanaadhaan
Kan labsitan waan-dhamoo

Madda galii ummataa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaanshee jiiftu

Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbanna?

Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan ummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha

Gaafa al-ergiin dhibee
Qaala’insi jireenyaa~ guutuu biyyaa garafu
Mi’a "Export" ta’ee
Doolaara nuuf sharafu

Faajjii eebbaaf araaraa
Jimaa muka kabajaa
Baar-gamoodhaan jijjiiruu
Sammuu maaliitu ajaja?

Lakkisaa qalbifadhaa
Bilaasha hin dhama'inaa
Warri haraama jettan
Feetan hin qama'inaa

Malee, qe'ee qulqulluu
Cubbuudhaan hin goolinaa
Saba tola nutti ooleef
Hammina hin oolinaa

Kan jaalala nuuf hiran
Gola onnee bananii
Ardaa gootota hedduu
Maaddii quufaaf qananii

Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Maddi galii ummataa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaa dheebuun maaf du’a?

Bakka-n malle tuqanii
Ofitti haadhuudha haasaa
Male innoo dogoggora
Biyya jechuun hawaasaa

Kanaaf.......

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan

Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa

Kanniisa qubatetti
Ofiif cuqqaallaan quba
Volkaanoon riphe dhoo’ee
Laavaansaa suma gubaa

Qabeenyi hawaasa harargee
Wabii saba hundaatii
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii

Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin tuqamuu; hin tuqinaa
Muka nagaaf araaraa!

.... Riyaad Raayyaa tiin!
775 views23:10
Buka / Bagaimana
2023-05-19 02:09:50
487 views23:09
Buka / Bagaimana
2023-05-11 20:12:14 Walaloo kana seenaa daawwadhaa! #Youtube kiyyas Subscribe naaf godhaa!



1.3K views17:12
Buka / Bagaimana
2023-05-08 22:04:39 Akkam jirtu kabajamtoonni maatii aartii fi Og-barruu Oromoo akkasumas jaallattoonni walaloo kootii! hedduun keessan golee Oromiyaa maraa fi biyyoota alaarraa kitaabakoo kuusaa Walaloo NAFA NAAFATE argattanii dubbisuuf dharraatanii bakkoota itti argachuu dandeessan na gaggafataa jirtu!

Kanaaf anis gaaffii keessaniif bakkatti deebii isiniif laachuuf dirqameera. bu'uuruma kanaanis raabsaan kitaabichaa sababa soomana ramadaanaan wal keessa najalaa bu’eef, Kitaabicha yeroo gabaabaa keessatti raabsee isin biraan gahuuf haalonni tokko tokko waan naaf mijachuu baataniif yeroo yaadametti isin biraan gahuu dhabuukoof jalqabarratti dhiifama guddaa isin gaafachaa... amma garuu raabsuuf qophii xumureera waan ta'eef yoo fedha Rabbii ta’e torban kana keessa magaalota Oromiyaa baayyee nan qaqqabsiisa. Akkasuma Torban dhufummoo biyyoota alaa tokko tokko ni qaqqaba jedheen abdadha.

Kanaafis manneen kitaabotaa fi namoonni kitaabicha fuutanii raabsuu feetan, akkasumas kanneen bakka garaagaraa teessanii kitaabicha bittanii akka kennaatti nama jaalatanniif kennuu feetaniifi namoota osoo dubbisuuf fedha qabanii bitachuu dadhabaniif kanneen bittanii kennuu feetan karaalee armaan gadiitiin na qunnamuu dandeessu!

Bilb; 0979095669

Whatsapp & Telegram;- 0937178516 fi

Telegram; @Riyaad_Raayyaa irratti na dubbisaa!
2.3K views19:04
Buka / Bagaimana
2023-05-08 22:04:12
1.3K views19:04
Buka / Bagaimana
2023-05-08 13:45:36
Jaal Falmaa biyya hambaarraa Nafa Naafate kitaabota 30 bituun namoota osoo fedha dubbisuu qabanii bitachuu hin dandeenyeef gumaacheera! galatoomi ilma sabaa! Rabbi waanati qabdu keessa barakaa siif haa kaa’u! Anis imaanaakee namoota kanaan nan gaha!

Namoonni bittanii hiriyoota keessaniif akka kennaatti laachuu feetan, akkasumas namoota fedha dubbisuu qabaataa humna ittiin bitatanii dubbisan dhabaniif bittanii arjoomuu kanneen feetan keessaan na dubbisaa!

@Riyaad_Raayyaa asiin na argattu!
1.4K viewsedited  10:45
Buka / Bagaimana
2023-05-05 11:24:40 Laambaan jireenya keetii
Sijalaa dhaamee ifti
Yaaddoon qaamaa huqqattee
Si daalachaa’us bifti
Jiruunkee ibichaa’ee
Tasuma dhabee mi'aa
Guyyaan siif dukkanaa’ee
Wollaaltus bariif dhi'a
Biqiltuun siif daraare
Firiin didee bargachuu
Wanta garaan dharraate
Yoo dhabdellee argachuu
Gosti rakkoof gidiraa
Sirratti wal dhaltullee
Hireen gaddaaf gadadoo
Mana keetti galtullee...

Silumaa qorumsaatii
Jireenyi dirra ardii
Qoramuu hadheeffattee
Of hin abaarin fardii

Tolloon woraanamuunkee
Osoo eeggattuu tolaa
Beelaatee dheebochuunkee
Homaayyuu dhabdee golaa
Ijjikee qooruu didee
Imimmaan lola'uunsaa
Gaaddisni abdiikee borii
Kichummaan kola’uunsaa
Qaawwa jiruukee kabuu
Jijjiiramuu dharraatee
Barootaaf ifaajuunkee
Gidiraatti rarraatee...
Yaadaaf yaaddoon soofamtee
Fakkaattee muka silkii
Hin boqatin barbaaddee
Tasa dhabuunkee milkii
Hojjaan daakuu abdataa
Hireen nyaachuunkee daaraa
Badii keen miti beeki
Siif murtaa’eeti gaaraa!

Kanaafuu yaa namakoo
Akka taanu yaa tiruu
Akki garaa jennata
Malee, lafarra hin jiruu
Warqiinuu warqii ta’uuf
Ibiddaan qoratamaa
Gidiraa darban qofa
Namummaa horatamaa
Kanaaf jiruun duniyaa
Bu’aa ba'ii danataa
Muraasa qofat obsaan
Karra milkii banataa...
Murtii Rabbii dagattee
Ofitti qabdee quba
Har’aa bor sin waadinii
Laalaan ibidda gubaa
Hiree gaararraa dhufu
Tole jedhii simadhuu
Gatii dhamaatii keetii
Boo’ii Rabbitti himadhu

Malee biyya ergisaa
Kan zalaalamaa seetee
Qoramuuf obsa dhabdee
Daangaa uumaatti ceetee
Hanga fedhe ifaajjee
Tarii dhabdullee bu’aa
Dogoggortee-n dabarsin
Lubbuukeef murtii du’aa!

Obsiitii warqii ta’i
Sibiilarra jabaadhu
Jireenyakee keessatti
Hirkoo Rabbii qabaadhu!

.... Riyaad Raayyaa
2.3K views08:24
Buka / Bagaimana
2023-04-26 18:08:48 Nama dhuunfaas haa ta’u
Ummata bal’aaf biyya
Hojiin jijjiiramanii
Qaqqabuuf bakka niyyaa
Ooyiruun qonnee facaafne
Biqilli misee marguuf
Lubbuudhaanuu jiraannee
Har’a bullee bor arguuf
Miila kaayyoon imallee
Deemuuf lafa fageenyaa
Yoo qabaanne qofadha
Nageenyaafi nageenya!

Malee, nuti ofumaa
Fillee nagaarra balaa
Jibbiinsaaf lola qofa
Jiruuf taasifnaan galaa
Garaa garummaa yaadaan
Hamaa walitti oollaan
Nagaa tola waaqayyoo
Harkuma keenyaan goollaan
Mirga lubbuun jiraachuu
Heera uumaa cabsinaan
Siyaasaan faffacaanee
Lola walit labsinaan
Yaada dhiifnee hirreedhaan
Mo’achuuf wal morkinaan
Sakaallee wal kuffisuuf
Adeemsa wal dhorkinaan...

Akka hin taane taana
Jiruu keenyat manca’a
Lubbuu ummata nagaatu
Akka baalaa harca’a
Tola Rabbii dagannee
Wal jala dhaabna tolloo
Lafarraa wal xaragnee
Qe’ee taasifna holloo
Hojjatanii guddachuu
Misooma yaaduun hafee
Biyyeedhaaf soora taana
Wal caccabsinee lafee
Obboleessaan wal nyaanna
Dabaree dhiigsaa; dhiigna
Moofataa haaromsuutti
Biyya ofirratti diigna!

Kanaaf......

Siyaasa, kutaaf lagaan
Of jalaa goollee nagaa
Gamaa gamana teenyee
Daddarbachuurra dhagaa
Ameessi keenya dhaltee
Hin elmamin gu’uurra
Isa fannoo fuuchuutti
Kan ukoo nu bu’uurra
Addunyaa faana ceenee
Tarkaanfachuuf gamatti
Ofumatti deebifnee
Quba qabnu namatti...

Biqiltuu dhadhaabbanne
Geenyee arguuf daraaraa
Eeyyee! furmaanni rakkoo
Nagaa; mariif araara!

Nagaan Oromiyaaf, biyya keenyaaf, Addunyaaf haa ta’u!

..... Riyaad Raayyaa
2.8K views15:08
Buka / Bagaimana
2023-04-26 18:08:27
1.6K views15:08
Buka / Bagaimana
2023-04-23 18:36:21 Faajjii tokkummaa sabaa
Tirikaa; dungoo aartii
Dhiira sodaa hin qabne
Leencicha ilma aantii

Goota haqa sabasaaf
Qoma dhiibee geeraree
Aanaasaa onnachiisee
Gola diinaa weerare

Goota faayidaa dhuunfaan
Ormi dadhabde bituu
Ilma sabaaf miixate
Gadameessi Zawdituu

Naqamteetti dhalatee
Wadaajoo Goobanaa'rraa
Dhiira harqoota cabse
Dhaloota boodanaarraa

Bara dukkanaa sana
Bara hammaattu yeroon
Goota daandii nuuf saaqe
Halkan adeemee heroon

Abbaa weelluuf walaloo
Kan sagaleen kiilolee
Goota qooqaaf hidhannoon
Diinaan falme siilolee

Dhiira haqaaf agabe
Maaddii dharaa lagatee
Nama ummataaf jecha
Jiruu dhuunfaa dagate

Bilisummaa sabasaaf
Ofiif kaffalee aarsaa
Gadadoodhaan jiraatee
Walabummaa nuuf faarsaa

Umurii isaa guutuu
Oromoof falmee mirga
Bara hongee keessatti
Nu sooraa ba'ee silga

Sabasaaf jooruu malee
Osoo gad hin boqatin
Ifatti mormuu malee
Osoo takkaa-n dhokatin

Kaayyoof jecha lagatee
Imaanaa gootaa nyaachuu
Sossobbii Mallasaatiif
Didee harkasaa laachuu

Quuqqaaf gungummii sabaa
Miira hawaasaa dubbisaa
Gaafa gaddinu gaddaa
Yoo gammannu shubbisaa

Osoo humni alagaa
Gamaa gamanaa reebuu
Sabaaf gatii kaffalee
Obsee beelaafi dheebuu

Gaaf-tokko in bilisoomna
Kuni hin qabu shakkii
"Dhalootan guddifadha
Ani hin du'u lakkii"

Jedhee osoo geeraree
Qomasaa dhiibee sirbuu
Nu biraa godaanekaa
Dhalootaaf laatee irbuu

Abbaan dhaloota qubee
Of-tauu irraa barre
Nagaa dhaamee deemeera
Alii fi Nuhoo tarree

Abbaa keenyat boqate
Gaddaan onnee cabneerra
Gaaddisa saba keenyaa
Odaa guddaa dhabneerra

Dungoo aartii Oromoo
Laambaa keenyatu dhaame
Agartuu saba bal'aa
Qaroo keenyatu jaame
Duuti garaa jabaatee
Zarihuuniin nu saame

Lamuu ija keenya duraa
Lubbuun darbee maqeera
Nuuf jiraatee, nuuf du’ee
Biyya-n galle dhaqeera

Egaa....

Biyyi lafaa ergisa
Duuti nama-n seeratuu
Gootni seenaan jiraata
Male umrii-n dheeratuu

Duuti heera uumaa ta’ee
Waan goonu dhabnus garuu...
Maqaankee boollaa oli
Nagaan boqadhu Zaruu

Si deebisuu hin ta'u
Sabni caraanus iyyee
Waaquma siif kadhanna
Sitti haa salphisu biyyee

.... @Riyaad_Raayyaa
3.3K views15:36
Buka / Bagaimana