Get Mystery Box with random crypto!

Yaya beshir

Logo saluran telegram yayabashir — Yaya beshir Y
Logo saluran telegram yayabashir — Yaya beshir
Alamat saluran: @yayabashir
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 1.39K
Deskripsi dari saluran

OROMO

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


Pesan-pesan terbaru 2

2022-12-07 15:27:18 KAN HIN DANDA'AMNE!
Gareen kamiiyyuu moodeela dulloome kan 'wallaalchisuu fi amansiisuu' jedhamu fayyadamuun Oromoo fi Amaaraa Itoophiyaa keessatti waliin bulchuu hin danda'u. Bilisummaa Oromoon jabaatee argate gatii baasee eenyullee hin amansiisu, burjaaja'us hin jiru! Karaan ittiin bahan DHUGAA qofa. Araarsuun kan danda’amu yoo dhugaan bakka jiruu fi qaamoleen bulchan hundaan fudhatama argate qofa ta’uu danda’a.
https://www.facebook.com/100076130856831/posts/pfbid0drdbqsZ1tAMmYPMCSqHPYei4G7ZaxyAVcSftmZKXTag9RoAkpbegosUPMh3YJUfpl/?app=fbl
772 viewsAli Ali, edited  12:27
Buka / Bagaimana
2022-12-06 17:25:07 Rakkoo Oromiyaa keessatti gad fageeffachaa dhufe keessaa karaan itti bahan

- OLA waliin marii gara waraana dhaabuutti jalqabuu
- Milishaa Faanoo Oromiyaa keessaa baasuun buqqaatonni akka deebi'an haala mijeessuu
- Adeemsa nagaa biyyoolessaa hunda galeessa ta’e fudhachuun furmaata tokkicha ta’uu fi haaluma kanaan karoorfachuu
775 viewsAli Ali, 14:25
Buka / Bagaimana
2022-12-05 20:53:23 Hubadhaa:jibba alagaan nuuf qabu caalaa tuffii hooggantoonni keenya waliif qabaniin uummanni keenya dhumaa jira, tuffatamee salphataa jira. Cimina alagaa caalaa dadhabina keenyan nyaatamaa jirra.

Jarakoo amma yeroon kan alagaa qofatti quba qaban miti. Furmaanni achiin nuuf dhufus hinjiru. Murteessan dammaqanii, gurmaa’anii qalamaanis qawweenis falmachuudha. Waan alagaan itti jiru ykn waan alagaan nu godhaa jiru osoo hintaane, waan hooggansi keenya itti jiruu fi itti nuun jirutu hiree lafaa fi lafee keenyaa murteessa! Saniif ammoo tokkummaa hooggansa barbaachisa.

Amma nuti san dhabne. Waan biraatti yeroo gubuun hinbarbaachisu. Uummani keenya takkaa hinrafne, hooggansa malee kophaa isaa qabsootti jira. Bakka jirtanii hooggantoota qabsoo Oromootin “kabajaa fi jaalala guddaadhan yoo xiqqaate du’a keenya kanaan walta’aa uummata dhaqqabaa” jedhaa dhiibbaa uumaa!
816 viewsAli Ali, 17:53
Buka / Bagaimana
2022-12-03 19:33:22 Maxxansa page kiyya kanati dhiyaadha Hordofa
https://www.facebook.com/100076130856831/posts/pfbid0Y85rbLYfxhVQmph29nVpT2urcUPLzq7rNu8Gr7jndvhx9Nk8ir7jNM9y9qA1D3Srl/?app=fbl
850 viewsAli Ali, 16:33
Buka / Bagaimana
2022-12-03 19:31:31 Weerara qehee Oromiyaa irratti tahaa jiru kanaaf qaamni gaafatamu ifa tahuu qaba. Kan bilisa baasuuf qabsootti jiru innuu aangoo hin qabu. Waan jal'atetu jiraaf qabsoonuu barbaachise. Kanaafuu maa qehee keenya diinarraa ittisuu hanqatte jedhamee komatamuu hin qabu. Kan gaafatama jalaa hin baane qaama anatu Oromiyaas Itoophiyaas bulchaa jira ofiin jedhu. Hubadhaa! Caasaan sirna kanaa inni jalaa, weerarri Oromiyaa irratti baname humna isaatii ol tahuu kaleessa ibsatee jira. Qaamni Oromiyaan bulcha ofiin jedhu ibsa caasaan jalaa ibsate yookiin dhugoomsee hin birmanne yookiin hin sobsiifne, sobsiisuunis waan hin danda'amneef. Kan mul'ataa jiru duula qindoominaan Oromoorratti labsame dha. Gama tokkoon humni alagaa Abbayya cehee Oromiyaa yoo weeraru gama kaaniin ammoo Oromiyaa giddu galaa keessatti Oromoo nagaa dirooniidhaan fixaa jiru. Kun waan akka tasaa walirra bu'e (coinsident) miti. Lolli kaabatti deemaa ture sun xumurri isaa maal akka tahe arganii qalbii bitatanii qehee keessaa dhalatan, qehee Oromoottis nagaa buusuu laata jechuun obsinee laalaa turre. Dhugaan jiru garuu fagoo faallaa kanaa tahuu mirkaneessaa jira.

Oromoon salphina seenaa keessatti dorgoomaa hin qabne si mudate kana keessaa bahuuf gurmooftee falmachuu male fala homaa hin qabdu.
779 viewsAli Ali, 16:31
Buka / Bagaimana
2022-12-03 19:14:10 “Qurxummii balleessuf galaanicha gogsuu…”

Waan tokko garuu ifatti hubachuun barbaachisaadha. Humni Naannoo Amaaraa heeyyama Mootummaa N. Oromiyaa malee goonkumaa gara Oromiyaa seenuf humnas haamilees hinqabu. Wanni amma Wallaggaa fi bakkeewwan Naannoo Amaaran wal daangessan hundatti adeemaa jiru waan akka tasaa ta’e osoo hintaane waan kariiroo fi tarsiimodhaan ta’aa jirudha.

Kana duratti Itti aanaa Muummicha Ministeeraa dabalatee ummanni Amaaraa bakka jirutti qawwee hidhatee akka socho’u dhaamaa turan, deeggarsa meeshaa waraanaa hanga leenjii kennuuttis deeggaraa turan. Uummata keenya qulqulluurratti duulli duguuggaa sanyii gaggeeffamaa jiru ajajaa fi heeyyama aangawoota Oromiyaa fi Federalaatini.

Kanaaf ragaan kan biraa ji’oota dura ifatti gad ba’anii miidiyaadhan “Shanee balleessuf” jechuun warra jibba Oromootin machaa’ee durayyuu carraa eeggatu humnoota Amaaraa daboo akka waammatan nutti himanii turan.

Amma karoora santu tarsiimoo loojistikii fi meeshaa waraanaa gurguddadhan hawaasa keenya qulqulluurratti qilleensaa fi lafarraan raawwachaa jira. Jechaa hanga gochaa ragaan jiru abbaan waraanichaa humnoota Amaaraa caalaa, humnoota maqaa Oromootin “Oromiyaa fi biyyattii hooggannaa jirra” jedhani! Akkuma jedhan “Qurxummii jedhan dhabamsiisuf galaanicha gogsuutti piroojektii baafatanii hojiitti jiru!
733 viewsAli Ali, 16:14
Buka / Bagaimana
2022-12-02 17:57:11 Qubee Afaan Oromoo Gi’iizii’tti haa jijjiiramuu warri jedhu kun “nuti gi’iizii waliin rakkachaa, isin qubee laatiniitiin addunyaa waliin deemuun nu hinaafsiseera” jechuu natti fakkaata. Yoo dhugumaaf kan jedhan taate garuu IQ isaanii baay’ee gadi bu’aadha; hubachiisuunis hin danda’amu. Hin galuuf!
#follow_my_page
https://www.facebook.com/100076130856831/posts/pfbid038Jnu55afQCF2ya9FkRWM7ip9WYGbqtNXtHg7HgHYh7uwbbp4CCxspXYybtnCYR16l/?app=fbl
1.7K viewsAli Ali, edited  14:57
Buka / Bagaimana
2022-10-12 17:39:49
Abbaa bu’uura qabsoo ammayyaa uummata Oromoo! Abbaa aduu warraaqsa gurraachota Afrikaa. Ibidda inni qabsiise;cunqursaan ittiin gubate, cunqurfamaan ittiin ibsate. Ibidda inni qabsiisee, xurree ifaa agarsiisen, Oromootarraa qofa miti, Afrikaanotarraa Appartaayidiin dheesse!

Qabsoon gurraachota Afrikaa, qabsoo qabsaa’ota akka Nelson Maandellaa fa’aatin ala hiika hinqabu, qabsoon Nelson Mandella fa’aa ammoo waayee qabsoo qabsaa’ota ilmaan Oromoo akka B/J Taaddasaa Birruu fa’aatin ala hiika hinqabu. Ammaaf kanuma jenna, kan caalu sichi sababaa fi ragaadhan dhiyoo fi fagootti dubbanna.

Gurraachonni addunyaa hundi, Afrikaanonnii fi ilmaan Oromoo hundi Baga guyyaa yaadannoo dhaloota B/J Taaddasaa Birruu waggaa 100ffaa nagaan geenye!
https://www.facebook.com/100066342833448/posts/pfbid0ABkuLGPRNA7a2eN7yfTrqfgdaDgrPUceXg5wRQsX9Tp2tsHizcRcEmauJsu4tC1Cl/?app=fbl
3.7K viewsAli Ali, edited  14:39
Buka / Bagaimana
2022-10-07 17:09:49 'Araarri' waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiru lagatee garee abbaa fi ilmaa gidduutti qofa godhamu nagaa hawwamu hin fidu.

Gama biraatiin Eertiraan eega dubbii kana dhageessee gad jabeessitee dhaadachaa jirti. Maddi oduu harka mirgaa mootummaa Shaabiyaa tahe tokko eda galgala yaada mootummaa isaa calaqqisiisee ture. "ኲሉ ተወዲኡ እዩ ዝቅየር ነገር የለን!" (hunduu dhumateera, wanni jijjiiramu hin jiru) mata duree jedhu jalatti waan bal'aa dubbatan. Cuunfaan yaada saniis:

Araarichi Eertiraa kophxeessuuf akeekkate waan taheef abadan milkaahuu hin danda'u. Lola kanaan 'Wayyannee' cabsuutti guyyaan muraasni qofti wayta nu hafe kanatti araarri garee lama qofa gidduutti waamamu eessayyuu hin gahu. Waraanni kun faaydaa mootummaa federaalaa Tophiyaaf jecha wareegama guddaa nu baasisaa jira. Waan taheef, mootummichi yeroo bitachuuf jecha waamicha araaraa afaaniin 'tole' jechaa hojii lolaa itti jabeessuuf yaade jennee abdanna. Tahuu baannaan garuu balaan walganiinsa kanaa ni hammaata, ergaa jedhu dabarsan.
1.8K viewsAli Ali, 14:09
Buka / Bagaimana
2022-09-23 17:17:24 My page
https://www.facebook.com/100076130856831/posts/pfbid02xy55mStMHYJvdsxUiLQoAhoxRXnhkbYp5DtmgNGb7asyE6MmxP2ti1EVETkjU46yl/?app=fbl
1.5K viewsAli Ali, edited  14:17
Buka / Bagaimana