Get Mystery Box with random crypto!

Yaya beshir

Logo saluran telegram yayabashir — Yaya beshir Y
Logo saluran telegram yayabashir — Yaya beshir
Alamat saluran: @yayabashir
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 1.39K
Deskripsi dari saluran

OROMO

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


Pesan-pesan terbaru

2023-05-27 19:34:56 Jaalala gootota Oromoo Shinnigga irratti dhumanii hunda keenyaaf haa kennu!
======
Akka wal taajjabaa jirrutti iccitiin tokkummaa Oromoo nu warra Oromummaa himannu caalaa halagaaf waan gale natti fakkaata. Warri bitaanis mirgaanis nu gidduu seenee wal afoo nu deebisuu barbaadu roga laafina keenyaa hubatani. Dhimma masjiidota Shaggar keessaa diigamaa jiraniirratti yaada gamaa fi gamanaa darbatamaa jiran laaluun hedduu nama rifachiisa. Amantiin maal akka tahe namoota hedduuf waan gale hin fakkaatu. Amantiin waa'ee jiruu duniyaa (biyya-lafaa) osoo hin taane waa'ee jiruu aakhiraa (mana-waaqaa) isa bara baraan jiraatamuuti jedhamee amanama. Kun Islaama qofa osoo hin taane Kiristaanummaa dabalatee laalcha amantiilee gurguddoo addunyaa kanaa baay'ee ti. Namoonni yoo ulfinni amantii isaanii tuqame dafanii kan aaraniif jiruu har'aa mannaa isa boruu kan dabra hin qabne santu naa caala jedhanii waan amananiifi. Kun garuu sadarkaa imaana ykn itti-amanummaa abbaa irratti hundaawa. Waan taheefuu amantii eenyuufuu kabajaa qabaachuu feesisa.

Masgiida Shaggar keessaa mootummaan diigu saba tahe wayiitti maxxansuudhaan ibsuun cinaa ummata keenyaa kan tahe Oromoo Musliima hamilee tuqa jedhanii yaaduu hanqachuutu mul'ata. Biyyattii keessatti lakkoofsni ummata amantii kana hordofuu inni guddaan saba Oromoorraa kan lakkaawamu tahuu wallaaluu yookiin beekaa fudhachuu diduurraa madda rakkoon kun. Iccitii tokkummaa Oromoo wallaaluurraas tahuu mala. Lachuu nu diiga malee nun jaaru. Dhimma masgiidota kanaarratti akkuman dheengadda jedhe mootummaan osoo hin diigin dura koree Majliisaa waliin maryachuutu irra ture. Sun akka hin godhamin mormii Koreen Majliisaa dhageessisaa jirurraa hubachuutu danda'ama. Ammas kan tahuu qabu ummata tuffachuu dhiisanii badii dhalate fala itti godhuu dha.

Waa'ee masgiida diigamu kanaan wal qabatee maqaan Oromoo Tuulamaa dogoggoraan ka'aa jira. Gosa Oromoo kana badii dhalataa jiru keessatti maqaa dhahanii hafuura itti naquun cubbuu dha. Kan masgiida diigaa jiru
495 viewsAli Ali, 16:34
Buka / Bagaimana
2023-03-15 17:35:26 Dhugan jiru kanuma
https://www.facebook.com/100066342833448/posts/pfbid02FXLx4U7kZjWxp7Ua4QTwkfXem3KzF1St7PmuDjFTZxNg4oDKFELrJ64CsgpMY3s3l/?app=fbl
1.4K viewsAli Ali, edited  14:35
Buka / Bagaimana
2022-12-30 21:11:24 Akkamin nama Ammana
https://www.facebook.com/100066342833448/posts/pfbid037vCdvq23Hmerat7L78n8UJFDkz65N8RwfDWizwd3Yn7z1kqT7cEHjhjoHqExxuxel/?app=fbl
1.4K viewsAli Ali, edited  18:11
Buka / Bagaimana
2022-12-16 18:24:34 Namni haqa qabu haqa sa Argachu qaba linki kanara hubadha
https://www.facebook.com/100066342833448/posts/pfbid0dQs2is7QrziXCAcL8vE2cSrZCCxbjxNn3Lhz4MVW2Yb7uEFHBiiV85ghCMotnDbWl/?app=fbl
1.7K viewsAli Ali, 15:24
Buka / Bagaimana
2022-12-16 17:29:27 Amaaraa Melancholia?
- Komii jannata bade
- Aadaa ammayyummaa dhaban; jijjiirama (aadaa) adda addaa guddachaa jiruu fi gatiiwwan tarkaanfataa ”haaraa” irraa maddu wajjin kan wal hin simne; kanarraa ka’uun, mo’amtoota ”dinagdee” qofa osoo hin taane, miira ejjennoo olaantummaa (ol’aantummaa) duraan qaban dhabuu isaaniitiin duubatti hafuudha.
https://www.facebook.com/100076130856831/posts/pfbid0Sn9t2Q86MtZ2Kcp2RH7ZWST7LUnoyypSbAbgexfhmkhY3Ad2BW9jUwK1tM1aZTJil/?app=fbl
1.4K viewsAli Ali, edited  14:29
Buka / Bagaimana
2022-12-13 20:32:43
Qabsaa’an mirga namoomaa fi Activistii beekamaan U/Oromoo GUMAA SAAQQATAA humnoota mootummaa gareen finxaaleyyii Amaaraa qindeeffataniin magaalaa Dirree Dhawaa keessatti qabamuun hidhame!

Hubadhaa:Gumaa kan hiisise warra nuti ifatti beeknuu fi eegnu caalaa garee Wallaggatti hawaasa keenya mor*ma muree, jiraa gubuun duguugaa jiru damee garee FAANNOO SATANAW Zemedkun Bekele fa’aadha. Namichi Zemedkun jedhamu ifatti gama miidiyaa hawaasatiin gad ba’ee “kan isaa na eegaa” jechaa ture. Akkuma itti dhaadatan godhan. Jarri as geesse.

Qaamni mootummaa bilisa ta’ee Oromiyaa fi magaalaa san bulchu yoo dhuguma sochii garee kanaatirraa walaba ta’eef hatattamaan Gumaa dabalatee qabsaa’ota garichi caasaa mootummaa waliin ta’ee dararaa jiru hiikee qaamolee caasaa mootummaa keessa taa’anii sadarkaa kanatti finxaaleyyiif dalagan itti gaafatamummaaf akka dhiyeessu gaafanna!

FREE ALL OROMO POLITICAL PRISONERS!
3.2K viewsAli Ali, 17:32
Buka / Bagaimana
2022-12-10 17:08:47 Page kiyya kana wal biran naf gaha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100076130856831
1.7K viewsAli Ali, 14:08
Buka / Bagaimana
2022-12-09 20:53:20 Odeeffannoo qabatamaa!
=====
Kaleessa qofa Horoo Guduruu, Aanaa Saqalaa keessatti:
- Miseenstoa Humna Addaa Oromiyaa - 22
- Polisii Idilee Oromiyaa - 2
- Miidhaan cimaan kan irra gahe - 26
Faandxoodhaan galaafataman. Miidhaa humnoota Oromiyaarra dhaqqabe kana keessatti caasaan tikaa federaalaa (Federal intellegence) akka qooda keessaa qabu mirkanaayee jira.
1.1K viewsAli Ali, 17:53
Buka / Bagaimana
2022-12-08 20:11:20
Breaking/Ammee
======================
Dhaamsa Oromo Federalist Congress - OFC

" Balaa ija baasee uummata Oromootti dhufe kana sabni keenya tokkummaa isaa eeguun, bifa qindaa’ee fi ijaarameen mataa isaa qe’ee isaa fi ganda isaa akkasumas guutummaa oromiyaa dammaqinaan akka eegu KFO'n dhaamsa seena-qabeessa isinii dabarsa "

Paartileen Oromoo jaboo lamaan (ABO fi KFO) uummanni Oromoo tokkummaa dhaan akka Oromiyaa eeguu fi haleellaa diinaa qolatu dhaamsa dabarsaniiru!
1.1K viewsAli Ali, 17:11
Buka / Bagaimana
2022-12-08 12:33:05 Waanin guyyoota 3 dura OMN irratti dubbadhe tokko asirratti dabala.
=
Weerarrii fi ajjeechaan suukaneessaan Oromiyaa irratti raaw'atamaa jiru araara PP-TPLFiin akka wal qabatu hubadhaa. PP keessattis dhimma kanarratti wal qoodinisi gad fagoon dhalachuun haqa. Warri araaricha mormu eenyu akka tahe ifaa dha. Warra santu fuula waraana isaanii kaabarraa gara Oromiyaatti deebise. Kana keessatti Faanxoo qofatti quba akeekuurraa of eegaa. Hiddi guddichi PPdhuma mataa isaa keessa. Paartiileen akka EZAMA fi ABN kan PP waliin aangoo qooddatanii hojjetaa jiran qaama duula kanaati. Waan EZAMAn gidduu kana itti jirtu akka ragaatti kaasuun gahaa dha.

Akka walii galaatti, haaloo kaabaatti hawwiin isaanii gufate Oromiyaa irratti bahachaa jiru. Qophaa isaaniis miti. Harki Oromiyaatti seene kun dheeraa dha. Asmaraa dhaqqaba. Hiriirri jiru kana. Kun hiriira salphaatti araaramuu miti. Wanni nama gaddisiisu garuu, jarri kun waggoota lamaan dabran ''Juntaa-Shanee'' jedhanii akka PPitti wal tahanii lola nurratti geggeessaa bahan. Har'a gaafa dhimma Tigraay irratti wal dhaban dhimma isaanii achumatti hin fixanne. Kufaatii Tigraayitti mudatan Oromiyaa irratti bahachaa jiru.
871 viewsAli Ali, 09:33
Buka / Bagaimana