Get Mystery Box with random crypto!

Jaalala gootota Oromoo Shinnigga irratti dhumanii hunda keenya | Yaya beshir

Jaalala gootota Oromoo Shinnigga irratti dhumanii hunda keenyaaf haa kennu!
======
Akka wal taajjabaa jirrutti iccitiin tokkummaa Oromoo nu warra Oromummaa himannu caalaa halagaaf waan gale natti fakkaata. Warri bitaanis mirgaanis nu gidduu seenee wal afoo nu deebisuu barbaadu roga laafina keenyaa hubatani. Dhimma masjiidota Shaggar keessaa diigamaa jiraniirratti yaada gamaa fi gamanaa darbatamaa jiran laaluun hedduu nama rifachiisa. Amantiin maal akka tahe namoota hedduuf waan gale hin fakkaatu. Amantiin waa'ee jiruu duniyaa (biyya-lafaa) osoo hin taane waa'ee jiruu aakhiraa (mana-waaqaa) isa bara baraan jiraatamuuti jedhamee amanama. Kun Islaama qofa osoo hin taane Kiristaanummaa dabalatee laalcha amantiilee gurguddoo addunyaa kanaa baay'ee ti. Namoonni yoo ulfinni amantii isaanii tuqame dafanii kan aaraniif jiruu har'aa mannaa isa boruu kan dabra hin qabne santu naa caala jedhanii waan amananiifi. Kun garuu sadarkaa imaana ykn itti-amanummaa abbaa irratti hundaawa. Waan taheefuu amantii eenyuufuu kabajaa qabaachuu feesisa.

Masgiida Shaggar keessaa mootummaan diigu saba tahe wayiitti maxxansuudhaan ibsuun cinaa ummata keenyaa kan tahe Oromoo Musliima hamilee tuqa jedhanii yaaduu hanqachuutu mul'ata. Biyyattii keessatti lakkoofsni ummata amantii kana hordofuu inni guddaan saba Oromoorraa kan lakkaawamu tahuu wallaaluu yookiin beekaa fudhachuu diduurraa madda rakkoon kun. Iccitii tokkummaa Oromoo wallaaluurraas tahuu mala. Lachuu nu diiga malee nun jaaru. Dhimma masgiidota kanaarratti akkuman dheengadda jedhe mootummaan osoo hin diigin dura koree Majliisaa waliin maryachuutu irra ture. Sun akka hin godhamin mormii Koreen Majliisaa dhageessisaa jirurraa hubachuutu danda'ama. Ammas kan tahuu qabu ummata tuffachuu dhiisanii badii dhalate fala itti godhuu dha.

Waa'ee masgiida diigamu kanaan wal qabatee maqaan Oromoo Tuulamaa dogoggoraan ka'aa jira. Gosa Oromoo kana badii dhalataa jiru keessatti maqaa dhahanii hafuura itti naquun cubbuu dha. Kan masgiida diigaa jiru