Get Mystery Box with random crypto!

Waanin guyyoota 3 dura OMN irratti dubbadhe tokko asirratti da | Yaya beshir

Waanin guyyoota 3 dura OMN irratti dubbadhe tokko asirratti dabala.
=
Weerarrii fi ajjeechaan suukaneessaan Oromiyaa irratti raaw'atamaa jiru araara PP-TPLFiin akka wal qabatu hubadhaa. PP keessattis dhimma kanarratti wal qoodinisi gad fagoon dhalachuun haqa. Warri araaricha mormu eenyu akka tahe ifaa dha. Warra santu fuula waraana isaanii kaabarraa gara Oromiyaatti deebise. Kana keessatti Faanxoo qofatti quba akeekuurraa of eegaa. Hiddi guddichi PPdhuma mataa isaa keessa. Paartiileen akka EZAMA fi ABN kan PP waliin aangoo qooddatanii hojjetaa jiran qaama duula kanaati. Waan EZAMAn gidduu kana itti jirtu akka ragaatti kaasuun gahaa dha.

Akka walii galaatti, haaloo kaabaatti hawwiin isaanii gufate Oromiyaa irratti bahachaa jiru. Qophaa isaaniis miti. Harki Oromiyaatti seene kun dheeraa dha. Asmaraa dhaqqaba. Hiriirri jiru kana. Kun hiriira salphaatti araaramuu miti. Wanni nama gaddisiisu garuu, jarri kun waggoota lamaan dabran ''Juntaa-Shanee'' jedhanii akka PPitti wal tahanii lola nurratti geggeessaa bahan. Har'a gaafa dhimma Tigraay irratti wal dhaban dhimma isaanii achumatti hin fixanne. Kufaatii Tigraayitti mudatan Oromiyaa irratti bahachaa jiru.