Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

Logo saluran telegram walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
Logo saluran telegram walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
Alamat saluran: @walaloon_jaalala
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 53.11K
Deskripsi dari saluran

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


Pesan-pesan terbaru 3

2024-05-17 22:09:33 Namoonni chaanaala 3k ol qabdan fi Wave keenya tti dabalamuu feetan @Kaachuu_YW irratti nu dubbisaa
5.3K viewsYW Kaachuu, 19:09
Buka / Bagaimana
2024-05-17 20:04:50 Channel miseensaa
4k oli qabu
3.2k oli qabu

Namni bitachuu barbaaduu

@qartuukoo irraan nu qunnamuu dandeessu
5.8K viewsYW Kaachuu, 17:04
Buka / Bagaimana
2024-05-17 19:40:43 Edaa,
Jireenyi kolfuu, kolfuun jireenya miti
Uumamni ilkaaniif qalbii gargar jirti.

An,
Fageenyin adeeme - xaxaa
karaan irra ba'es danuu
Gaaffiin keessookoo ba'aa
har'aaf buluukoo hin amanu
Baay'inni qoree
Uraa natti hore.

Tirannaan kiyya laaffatee,
Hiixannaan na gabaabbatee
Hawwiinkoo dhibdee taatee
Abdiikoo biyyeen nyaatee
Marii namaa raawwadhee
Afuura dhoksaan baafadhee
Yeroo,
Mogoleen rom'ee na mudhukutti
Qalbiin gommee na dhukkubutti
Kan naaf kenne abdii saaqaa,
Jiraachisaan kiyya Waaqa!
*
Kanaa'ol Badhaadhaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
6.4K viewsYW Kaachuu, 16:40
Buka / Bagaimana
2024-05-15 18:21:34
Galmeen itti fufeetuma jira

Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa Ogummaa Taatummaa saayinsii isaa eeggate Ogeessota Taatummaa irratti beekumsaa ga'aa qabaniin kennuuf galmeen marsaa lammaffaa akkuma itti fufetti jira.

Turtiin yeroo leenjii walakkaa waggaa [Ji’a ja’a]
Yeroo Leenjii:
• Idileen yoo xiqqaate torbeetti guyyaa lama (2) nama argamuu danda’u.
• Weekend ykn Sanbata xiqqaa fi  Sanbata guddaa bartootta kutaa 1 hanga 12 barataniif kutaa addaa qabna.
• Koorsiiwwan Ja’a /shaakala waliin kennamu

Ulaagaalee Leenjii:
• Fedhii Taatummaa qabaachuu
• Afaan Oromoo dubbachuufi dhaga’uu, Dubbisuu
• Barnoota kanaaf yeroo kennuu danda’uu
• Qormaata seensaa akkaadaamichi kennu darbuu danda’uu.
• Danbii fi ittiin bulmaata mana baruumsichaaf ajajamuuf of qopheessuu

Baayyinni barataa marsaa lammaffaaf fudhannu daanga’aa waan ta’eef, galmeen akkuma guuteen ni dhaabbata.

Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa,
Galma Dandeettii fi Kalaqaa!
@Fiilmiin
8.8K viewsYW Kaachuu, 15:21
Buka / Bagaimana
2024-05-14 19:06:49
Canon PowerShot SX740 HS | Superzoom Camera

Mirrorless camera
Full HD resolution
Slightly used

Price 48k
Contact @Qartuukoo
5.5K viewsYW Kaachuu, 16:06
Buka / Bagaimana
2024-05-13 12:53:22 Jechaan ibsi jedhu
Jechi miira cora
Miirri jecha hinqabu
Eessaan sitti hora

Harmeen anaaf miira

Dhangalaa’aa kuustee
Ofkeessa na luustee
Dhiiga ofkeessa Cobsaa
Imimmaanshee roobsaa

Waan hinmalleef taatee
Anaaf karaa taatee

Harmee jecha hinqabne
Jecha maaliin ibsu
Fayyaa kadhachaafi
mogoleeshee Cimsu

Haftee Baqqalaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
6.9K viewsYW Kaachuu, 09:53
Buka / Bagaimana
2024-05-12 15:52:57 Harmee

Biiftuu qarri baatu
Hirribarraa kaata
Galaana rakkoo daaktee
Galaa anaaf taata

Dadhabe hin jettu - Dugda keetti baattee
Ofiif hin boqonne - Boqonnaa naaf laatte
Rakkoo hin himattu - Kan kiyyaaf yaaddofta
Nan bareeda hin jettu - Anaaf daalachoofta

Gaara baatee daka buutee
Dafqa kan kee xuruurfatta
Dadhabbii kee of dhokfattee
Guddisa koof shan gugguufta

Harkaa dhabdus yoom waakkatte
Anaaf jecha ifatamte
Dungoo taatee anaaf iftee
Ofiif dhumtee kan dhabamte.

Si'if akkam jedheen
Maal barreessaa?
Jecha kamtu si adeessaa
Bakka qabda ana keessaa

Jecha filee yoon qubeessu
Oolmaa kan kee hin addeessu
Osoo addunyaan si jedhamee
Innuu sin gitu bar harmee!

Milkii Magarsaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
7.6K viewsYW Kaachuu, 12:52
Buka / Bagaimana
2024-05-12 08:47:51
Baga Guyyaa Haadhaa geessan!
7.6K viewsYW Kaachuu, 05:47
Buka / Bagaimana
2024-05-12 08:38:33 Kan fakkeessaa malee,
Nadhii jaalalaaa kennitu
Kan bara ishee guutuu,
Waan ilmaanii dhimmitu
Kan ba'aa jireenyaa,
Qooda maatii baattu
Umriin dabalameefi,
Harmeen haa jiraattu!


Diinagdee Dabalee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
7.9K viewsYW Kaachuu, 05:38
Buka / Bagaimana
2024-05-09 21:41:26 Karaa lamatu jira.
Wal maddii-wal bira.

Achi siqee...fagaatee,
Wal irraa gora
Damee danuu hora!

Imalaan daandiif bahu
Lama filachuun hin ta'u!
Gaafa deemsa eegalu
Dhuma dagachuun hin malu!

Sababni...

Daandiin Jaldeessaa
Dhumni qilee geessa

Diinagdee Dabalee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
10.2K viewsYW Kaachuu, 18:41
Buka / Bagaimana