Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

Logo saluran telegram walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
Logo saluran telegram walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
Alamat saluran: @walaloon_jaalala
Kategori: Tidak terkategori
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 53.11K
Deskripsi dari saluran

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


Pesan-pesan terbaru 9

2023-09-27 19:27:07 Dorgomaa badhaafamaa!

Seenaa Aartii Oromoo keessatti galma Tiyaatira Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Hojiin aartii fi Ogbarruu Afaan Oromoo dhiyaatee kan hin beekne Yeroo jalqabaaf Sanbata dhufu fulbaana 19/2016 Bokkuu Arts sagantaa Waaree aartiitiin galma kana ni miidhagsa. sagantaa seena qabeessa kanarratti hayyoota gurguddoo, keessummoota kabajaa, Barreessitoota Buleeyyii fi dhaloota qubee, artistoota, akkasumas maatiin aartiif ogbarruu Oromoo hedduun ni hirmaatu. Kanuma sababeeffachuun dorgommii fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa fi hordoftoota fuulbarruu hawaasaa keenya hirmaachisuu fi namoota injifatan 5 badhaasisu qopheessineerra.

Ulaagaa dorgommichaa!

1. Maxxansa kana Like erga gootee booda Timeline irratti Share gochuu

2. Suuraa (Logo) Bokkuu art fayyadamuun fuulabrruu Bokkuu art barreeffama gabaabaa fi Link page keenyaa waliin Timeline kee irratti maxxansuu

3. Hiriyoota kee akka like share godhaniif affeeruu

4. Share 50% , Share 50%n madaalama.

Badhaasa

1ffaa. Tikeetii galumsaa 'VIP' lama
2ffaa. Tikeetii galumsaa 'VIP' tokko
3ffaa - 5ffaa Tikeetii galumsaa (Regular)

Dorgommichi Guyyoota 3f tura.

Carraa gaarii

Hubachiisa:- Dorgommiin Feesbuukii irratti link gadii kana irratti gaggeeffamaa jira. Cuqaasuun hirmaadhaa

Bokkuu Arts
https://www.facebook.com/profile.php?id=61551428840889
12.7K views16:27
Buka / Bagaimana
2023-09-25 11:18:53 Nama Chaanaala kana hundeessedha. Namoota hedduuf fakkeenya. Barataadha, Barsiisadha, Ogeessa Fiilmii fi Tiyaatiraati, Waloodha, Har'a Guyyaa Dhaloota isaati. Baga Dhalatte Kaachuu
Admiinota @Walaloon_Jaalala irraa

FB isaa hordofaa
https://www.facebook.com/kaachuuYW
13.2K views08:18
Buka / Bagaimana
2023-09-24 07:44:21 An Kaleessa...
Osoon si yakkuu nan yakkitu
Osoon si balfuu nan balfitu
Sin balleessa in dandeessa
Sin hadheessa ni dandeessa
Sin bobeessa atin ifta
Sin fageessa atin dhufta
Ammas
Sin awwaala atin kaata
As deebitee anaa naata
Ammas
Mureetan si gata
In latta lammata
An kaleessa...
Dhugaa keerrat si sarbeera
Ardaa keerraa si darbeera
Si fageessee achi si kaa'ee
Har'a garuu
Dhugaa keetu natti yaa'e...
Ayyaana keetu na golge
Of ilaalaan si'iin arge
Afuura keetu na qabe
Of ilaalaa ofin dhabe
Har'a garuu....
Barichi darbeera
Barri at itti kufte
Badiikoon na bituuf
Baga nagaan dhufte!

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala
13.0K views04:44
Buka / Bagaimana
2023-09-11 10:46:38 Jiilan qabaafin si shakkee
Si amanuuf madaan qabaa
Of sitti laachuu sodaadheen
Sitti himuufis jecha dhabaa

Of amanee si amanuuf
Itti yaadus taa'ee bakkee
Keessi koo hedduu si shakkaa
Ani immoo shakkii koon shakkee

Ati garuu yeroo hundaa
Nan shakkiin jettee kakattaa
Nan shakka maaliif si shakkuu
Xiqqoo turtee na dagattaa

Na waamtus amanee hin dhufuu
Akka mari'annuu gad teenyee
Akkam godheen si amanaa
Of amanu iyyuu hin dandeenyee

Amaanueel Waaqturaa
@Walaloon_Jaalala
13.8K views07:46
Buka / Bagaimana
2023-09-02 01:16:16 Ilaa....

"Miriindaa fincooftee
Shittoo dhuufuu yaaddaa?
Akka Kilomaanjaaroo-qofaatti adda baatee
Argamuu barbaaddaa?"

Ilaa akka gootuu!
Hoomayi, homaa hin taatuu!

Arraba miriixaa,
Yaada Farda qarshiin baatee siin gulufu
Kan ati ittiin boonte-
Koorichaa Fardichaan, gatiin namaa kufu.

Isa achi gatiitii
Feetu of habaqiitii!

Waaqni....
Shittoos sin dhuufsisu.
Namayyuu dh**ffisee
Siyyuu sin suufsisu.

Waaqni...
Miriindaa dhimbiibee-
Hin fincooftu adda.
Maal ati qofaatti-
Meeshaa addaa qabdaa?

Qabaachuun nam bitta-
Guutuukeen dhaadatta.
Gaarii ofitti kaabdee-
Gadhee ollaatti gatta.
Gammachuu kuufattee-
Na argaaf maraatta.

Shittoos tasa hin dhuuftu
Miriindaa hin fincooftu.

Itti dhiisi abjochuu
Galma hanquuf kaachuu
Hin jirreef maraachuu

Dubbiikee odeeffachuun-
Guurii gurraa guuree,dhi'an gurra hooqe.
Ati homaa hin maqne- Biqilinnaa jedhee-
"Anatu udaanitti, sanyii abaaboo suuqe!"

Jaarraa jaaraa
@Walaloon_Jaalala
13.7K views22:16
Buka / Bagaimana
2023-08-30 09:04:34 Dhufaatii koo dura!
Meeqa jilbeenfattee
Al meeqa yoo kaate!
Al meeqa ol seentee
Al meeqa yoo baate!
Kaleessa...
Gudeedi siin saaqame
Seenaan siin laaqame
Ulaan banaa siin seename
Golli namaa siin jeeqame,
Har'a...
Doseen kee guutuudha
Mudoo sitti haamee
Ashaaraan kee darbe
Sanyii sitti waamee...
Isa kamtu sanyiidha
Isa kamtu hidda?
Isa kamiin owwaatta
Isa kamiin didda?
Seenaa ana duraa...
Dhaddachi hadhaakee
Himeera ol kaasee,
An garuu...
Si jibbuun danda'u
Keessa kootii baasee!

Dhufaatii koon dura
Seenaan kee barraa'e
Gaarummaa keen ala
Hamaankee tarraa'e
Erga akka dhiigaatti
Ana keessa yaatee
Anan ilaallatu
Kaleessi si nyaate.

DaaBee!
@Walaloon_Jaalala
13.2K views06:04
Buka / Bagaimana
2023-08-25 19:23:18 Qullaa wayyaam

Of Waliin Walii galee
Tolloo tuullaattii ba'ee
imimmaan ofiif cobsaa
Bir'adhee ofiif na'ee

Sin mufachiisuu namoo
........Waa'ee Kees...
hin godhadhuu ajandaa
Tokko lamarraa fuudhee
Maaliifan hira gandaa?

........Kanaafaniim.....
Wayya jechuun koo qullaa
Foxxoquu gurmuu-saattii
Uursaa Isaa lagadhee
Of aanfachuun Koo ofitti

..namoo....
Siif galee sitt-hinaanuum
Garaa-keerrasoo duddii
Dhugaa kana liqimsii
Yoo ta'ees itti giddii

Natiyo Alexs
@Walaloon_Jaalala
12.8K views16:23
Buka / Bagaimana
2023-08-23 19:03:14 Yoon si bira dhufu,
Silaa in galgalooftaa
Yoon si cinaa siqu,
Maaf maqaakoo dhoofta?
.
Si bira yoon jiru,
Hin-turuun gaggabee
Manatti yoon galu,
Hirqinfuun dadhabe!
#Ay_Isheekoo
K-B
@Walaloon_Jaalala
12.9K views16:03
Buka / Bagaimana
2023-08-21 09:29:47 Maali Bu'aan Isaa?
~
Maal taate jetteetoo
otuu nan gaafatin
Maal rakkoon jetteetoo
osoo nan qoratin
Ana yakkisiisuuf
Badaa jechisiisuuf
namatti hin hamatin
~
Ani ilma namaati
miiraa qaba silaa
Ni hubatta ture
wanta ana jalaa
Soba yoo hin ta'in
koof kee kan jaalalaa
~
Wal cinaa yoo hin taane
dugda yoo wal-laanne
Yoo garaa jabaannee
yoo karaa faagaannee
~
Yaada jenna malee
maali bu'aan isaa?
Waliif jirra jechuun
hedduu nama aarsa
~
YW Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
12.8K views06:29
Buka / Bagaimana
2023-08-19 18:44:00 Onneekoo dhiifama!

Anatu...
Anatu ol fuudhee sirratti lallabee,
Kan siif hin taanetti anatu gaggabe!
Osoon dhagahuu duudee
Osoon arguu jaamee
Natu si dhukkubse
Natu sitti waame!
Eeyyee…
Natu sitti waame mana ormaa dhaqee,
Anatu marmaaree ibidda sitti naqe
Natu Jilla didee
Hundaaf si amana
Natu si tuttuqee
Si dhowwa qabbana
Onneekoo dhiifama!
Kana booda...
Lammatan jaaladhu-Heera Uumaan dabsa
Lammatan amanu-Seer- Jaalalaan cabsa
Jedhee garuu
Waadaan seenu!
Hin maseenu!
Jaalalaaf uumamte dhukkubsachaa seeqi
Ammas jiileen taa’u jaaladhuu na jeeqi!

DaaBee...
@Yaadota
13.2K views15:44
Buka / Bagaimana