Get Mystery Box with random crypto!

Beeksisa Barattootaa Baraa 2015 A.L.I. Kutaa 12ffaa Xumurtanii | Sanyii Guddataa

Beeksisa
Barattootaa Baraa 2015 A.L.I. Kutaa 12ffaa Xumurtanii ogummaa Barsiisummaatiin Leenji'uu Barbaaddanu Hundaaf:
BBOn Barattootaa Ulaagawwan Armaan Gadii Guutanuu Dorgomsiisee Oogummaa Barsiisummaatiin Leenjisuu Barbaada. Kanaaf Ulaagawwan armaan gadii Keessatti Ofi ilaaluudhaan dorgommiif akka Ofi qopheessitanu Isin Beeksifna.
Dabalataan yeroon galmeetiifi iddoon galmee Buufataalee Kolleejjiiwwan 13 Oromiyaatti waan ta'eef bakkumaa jirtanu taatani Buufataa KBB Isinti Dhihaatuutti Akka Gargaaramtanu Isin Beeksifnaa.
#Hubachiisaa
# Tarii Guyyaa Galmee Irratti Jijjiiramni Akka Tasaa Jiraachuu Waan Danda'uuf Kolleejjii Isinti Dhihaatu Ykn Karaa Miidiyaa Hawaasaa Kanaan Odeeffannoo Jiruu Dhiheenyaan Akka Hordoftanuu Malee yeroo Malee Sochootanii Baasii Hinbarbaachifneef Akka Ofi Hin Saaxille.
# Hojiin Hojjatamuu Hunduu KBB 13 Hundaa Keessattuu Yeroo Woli Fakkaataa Kan Raawwatamuu Ta'uu Isin Hubachiifna
#Guutuun Ulaagaa Galmee Bakka Ykn Buufataa Galmeetti Kan Maxxanuu Ta'a.