Get Mystery Box with random crypto!

Waamicha Qormaata Barreeffamaa MMWO)-Dorgomtoonni dubartootaa | Sanyii Guddataa

Waamicha Qormaata Barreeffamaa
MMWO)-Dorgomtoonni dubartootaa gita hojii banaa Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaaf, beeksisa Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Onkoloolessa 16, 2016 baase bu'uura godhachuun galmooftan keessaa kunneen maqaan keessan asii gaditti tarreeffame calallii jalqabaa waan dabartaniif qormaata barreeffamaa akka fudhattan murtaa'eera.Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Onkolo magaalaa Adaamaa, Inistiitiyuitii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti ganama keessaa sa'aatii 4:00 irratti akka argamtan ni beeksifna.
Hub:-
Argamni Inistiitiyuutichaa Galma Abbaa Gadaa cinadha.
Seeeotaa fi labsilee gara garaatiin ala barreeffamoota biroo fi meeshaalee elektrooniksii qabatanii seenuun dhorkaadha.
Waraqaa eenyummaa, eenyummaa keessan ibsu qabattanii akka dhiyaattan.
Dorgomtoonni qormaata barreffamaaf hin waamamne sababa keessaa haftaniif lakk.bilbilaa 0911013386 irrati bilbiluun qulqulleeffachuu kan dandeessan ta'uu ni hubachiifna.