Get Mystery Box with random crypto!

Obbo #Sayyid_Daamxoo galatoomaa Yeroo artisti #Haalloo_Dawwee | Sanyii Guddataa

Obbo #Sayyid_Daamxoo galatoomaa

Yeroo artisti #Haalloo_Dawwee mana kiraa dhiphoo keessatti dhukkubsattee rakkoo guddaa argaa turte namni birmateefii mana kiraa dhiphoo keessaa baasee magaalaa Adaamaa keessatti #Viillaa sadarkaa isaa eeggate, meeshaa manaa hunda baasii mataa isaatin itti guutee haadha manaa godhee saba Oromoo hundatti kabajaa hore abbaa hardha Halloon mana ishee keessaa reeffi ishee kabajaan akka bahu kan godhe qabeenyaa keenya obbo #Sayyid_Daamxooti. Obbo Sayid Daamxoo abbaa qabeenya bishaan Afrikaati. Oromoon hundi nama kana nuuf galateeffadhaa. Nama jechuun kan gaafa du'an uuffata gurraacha uffatee gaddu osoo hin taane kan gaafa jiran jiraatti nama waliin dhaabbatu. @segnigudeta