Get Mystery Box with random crypto!

Harmee Na deessee na guddistee Naaf jettee gaara yaabdee Ofii | Sanyii Guddataa

Harmee
Na deessee na guddistee
Naaf jettee gaara yaabdee
Ofii keef tarree dhabdee
Tarree hiriyyaa na dhaabdee.

Utuuman dabaree koo
Fuula kee sirraa dhiqee
Bakka ati na eegattu
Utuun fiigee sii dhaqee.
Utuun waanta fedha kee
Si gaafadhee siif guutee.

Harmeeko
Utuu taateem waa’een koo
Utuunan quba nyaadhaa
Waa’ee kee hin dagadhu
Si yaadachaan jiraadha.

Du’aan narraa addaan baatus
Ija koo duraa jirtaa
Waanta dachee kanarraa
Hunda isaayyuu naaf caalta.

Tokkittii akka kumaa
Eenyu siin nuun gituu
Karaa ilaallee hafnekaa
Akka waan nuu deebituu

Bara jireenya kootii
Dhugaadha sin yaadadhaa
Hangan lubbuun jirutti
Harmeeko sin Jaalladha.

Yaadannoo harmee waggaa 1ffaa