Get Mystery Box with random crypto!

Mul'ataa Qabaadhu ╔══════════╗ ║Mul'ata | Vision ║ ╚══════════ | Sanyii Guddataa

Mul'ataa Qabaadhu
╔══════════╗
║Mul'ata | Vision ║
╚══════════╝
Mul'anni
✧ Adeemsa sammuu ti.
✧ Ta'uu dha malee taa'uu miti.
✧ Boba'aa gaggeessaan tokko ittiin imaluu danda'uu dha.
✧ Humna ittiin waan haaraa uumanii dha.
✧ Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa
wareegamaniif dha.
✧ Har'a caalaa fira borii ti.
✧ Ija foonii caalaa fageessee arga.
✧ Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
✧ Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
✧ Hojii tokko-shanee (garee) miti.
✧ Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
✧ Wanta ati of harkaa qabdu irratti hin hundaa'u.
✧ Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.

Mul'atni gahuumsa yaada keenyati. Fiixee Milkaa'ina ti. Mul'atni oltuulama yaada guddaa sammuu keenya keessa jiru lubbuun keenya itti gammaddu dha. Mul'atni Wanta taasisuuf yaadnu dha. Galma guddicha jireenya keenya yeroo jiraannu gammachuu fi fayyummaan jireenyaa nutti dhagahamu mul'ata dha

"Mul'ata Qabaadhu!"