Get Mystery Box with random crypto!

#Naqamtee_fi_Shaashmannee! Gita hojii haaraa baay’ee bal’aa d | Sanyii Guddataa

#Naqamtee_fi_Shaashmannee!

Gita hojii haaraa baay’ee bal’aa dhaabbanni keenyi #Daandiin_Qilleensa_Itoophiyaa amma baasee jiru irratti, galmeen #Yuunibarsiitii_Wallaggaa fi #Yuunibarsiitii_Madda_Walaabuu_Damee_Qonnaa_Shaashmanneetti geggeeffamu akka hin eegalamin komiin tokko tokko turaniiru. Galmeen #Shaashmaneetti geggeeffamaa jiru bakki galmee duraan #Shashamane_Poly_Technique akka ta’e isiniif qoodeen ture. Amma ammoo gara mooraa ani armaan olitti eere keessatti ta’uusaa adda baafadheera waan ta’eef isinis kana hubadhaatii dhaqaa galmaa’aan isiniin jedha. Suuraan armaan gadii #Shaashmanneetti galmeen bifa kanaan geggeeffamaa akka jiru ragaa qabatamaa naaf ergame dha.

Kan #Yuunibarsiitii_Wallaggaa galmeen dhuguma turee reefuu #Kamisa kaleessaa eegala. Kunis warri akka galmeessaniif ergaman haalota garaa garaan yeroon #Naqamtee ga’uu dadhabuu isaaniirraa kan ka’e dha. Kanaaf galmeen August 24-27, 2023 ykn Kamisa kaleessaa irraa eegalee hanga Dilbataatti kan turu yemmuu ta’u, galmeessitoonni dafanii qaqqabuu dhiisuu isaaniin Sanbatoonni lamaan waan itti dabalamaniif, Sanbata lamaan fuula keenya dura jiranillee dhaqxanii galmaa’uu akka dandeessan quba-qabaadhaa!

Kanarraan kan hafe, #Oromiyaa fi guutummaa biyyattii bakka garaa garaa keessatti, galmeen akkuma karoorfameen raawwachaa jiraachuusaa odeeffadheera.

#Singapore’n ijoolleema amma galmaa’aa jirtu kana keessaan tokkotti kennee biyya abbaakootti deebi’aa jabaadhaa!!!

#Mirgaan_galleen_miilana!!!

Via Telila Deressa Gutema