Get Mystery Box with random crypto!

Madda Beekkumsa(MB)

Logo saluran telegram madda_beekkumsa — Madda Beekkumsa(MB) M
Logo saluran telegram madda_beekkumsa — Madda Beekkumsa(MB)
Alamat saluran: @madda_beekkumsa
Kategori: Sastra
Bahasa: Bahasa Indonesia
Pelanggan: 47.74K

Ratings & Reviews

3.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


Pesan-pesan terbaru 2

2021-05-18 11:25:38 Gowwaan hafaa cortee
har'a buluu feetu
Gaafa lafti dhihu
ni bari'a hin seetu
~
#Share

@


@madda_beekkumsa
80.6K viewsedited  08:25
Buka / Bagaimana
2021-05-07 17:35:12 Jireenya kee keessati milkaa'uu f..


Guyyaan har'aa kun Guyyaa addaatti

Guyyaa itti hanqinoota fi kufaatii kee, miidhama ke irraanfattee waan haaraa itti uumuu dandeessudha.

Mudannoowwan kee kanaan dhuraa jireenya kee keessaa galanii akka jeeqan hin eyyaminiif.

Kaleessi darbeera, harri garuu guyyaa haaraadha
Kanaaf guyyaa haaraa kanatti jireenya haaraa ....jiraachuu jalqabi

Ofii keetii murteessinaan, murteessitee of amansiisuu dandeenyaan wantii atii jijjiruu hin dandeenye hin jiru.

Namoonni ciccimoon akka addunyaatti amma bekkamanii adduunyaan isan wellisuu kun:- jalqaba akkuma kee, akkuma koo, hir'inoota, mudannoo, kuufaatii adda adda keessummeessa turan.

Garuu baay'een isaani kufaatiwwan qaban irra darbanii har'a kan milkaa'aniif

Sababni innii guddaan

#Kutannooo isaanii fi Abdii kutuu dhabuu isaaniti

Maarree atis akka isaanii injifataa ta'uuf, kutannoo mataakee qabaachuu qabda.

Wanta dhiisuu qabdu dhiisuuf, wanta irraanfachuu qabdu irraanfachuu fi wanta argachuu qabdu argachuuf...


Kutannooo horadhuu.

Silumayyuu wantii feedhe haa ta'u Abdii hin kutiin.

Oromoon maal jedha seete "NAMNI ABDII KUTU WAAN WALITTI QABATE BITTINSA,"jedha.

Maarree aniis kanuman sitti hima gonkumayyuu abdii hin kutin

Ofii keef of jijjiiruu akka dandeessu amani.


Guyyaa har'aa kanatti of haaromsi...

#Join gochuu fi #Share gochuun sitti hin ulfaatuus si hin miidhus waan ta'e ef hin dagatin

For more psychological advice please join us


@Biiroo_Barnoota_oromiyaa


Share for your frnds...
@madda_beekkumsa
@madda_beekkumsa
90.5K viewsedited  14:35
Buka / Bagaimana
2021-03-10 23:56:46 #AMMEE

Ameerikaatti Imbaasii Itoophiyaa keessa hogganaa itti-aanaa ergama Ameerikaa kan ta'an Obbo Birhaana Kidaanamaariyaam "duguuggaa sanyii lola Tigraay keessatti raawwataman akkasumas dararaan mootummaan Itoophiyaa bakkeewwan biyya Itoophiyaa hafan keessatti raawwataa jiru" jedhan mormuun hojii isaani fedhii isaaniin gadhiisuu isaani beeksisan.

"Ergamaa ykn dipplomaatii ta'een biyya koo tajaajiluu koo nan jaalladha, garuu hojii koo kana osoo ummanni koo miidhamaa jiru gonkumaa hin hojjedhu...MM Abiy Ahimad waldhabdeewwan jiran karaa mariin hiiku mannaa, garaagarummaa ilaalcha siyaasaa karaa sirna haqa cabseen akkasumas waraana fayyadamuun mormituu isaani bulchiinsa ofii jalatti godhuuf yaalaniiru" jechuun qeeqaniiru Obbo Birhaana Kidaanamaariyaam ibsa mata duree "Statement on the Current Situation in Ethiopia" jedhuun baasaniin.

Ibsa guutuu isaani
https://berhanekidanemariam.medium.com/statement-on-the-current-situation-in-ethiopia-b468f7ed024a

@Biiroo_Barnoota_oromiyaa
95.4K views20:56
Buka / Bagaimana
2021-01-06 16:43:16
#MoSHE

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo barattoota bara 2012 sababa rakkoo nageenyaatin barnoota isaani addaan kutanii gara maatiitti deebi'an barattoota qixxee (batch) isaani waliin waamichi akka godhamuuf Yunivarsitoota hundaan hubachiiseera.

Please share gochuudhan hiriyoota keessaan biraan gaha.

@Biiroo_Barnoota_oromiyaa
70.7K viewsedited  13:43
Buka / Bagaimana
2020-12-15 23:58:18 'Gosti koronaavaayirasii haaraan' Ingiliiz keessatti argame

Akaakuun Koronaavaayirasii haaraan akkaataa kanaan dura hin beekamneen kutaalee Ingiliiz keessa saffisaan tatamsa'aa jiraachuu qondaaltonni fayyaa ibsan.

Ministirri Fayyaa UK Maat Haankook miseensota mana maree biyyattiif akka ibsanitti, gosti koronaavaayirasii haarofti kun yoo xiqqaate iddoowwan 60 ta'anitti argamuunsaanii gabaasi nu ga'eera jedhan.

Maat akka jedhanitti mootummaansaanii waa'ee vaayirasii kanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gabaaseera.

Qorattoonni UK waa'ee vaayirasii kanaa qorachuu eegalaniirus jedhan.#BBC

@madda_beekkumsa
56.4K viewsedited  20:58
Buka / Bagaimana